Finfinneetti Dhuma Ji’a Kanaa Eegalee Sochiin Motor Saayikilii Hin Jiraatu

177

Waxabajji 12/2011 Finfinneetti dhuma ji’a Waxabajjii kanaa eegalee sochii motor saayikilii dhorkuuf akka ta’e bulchiinsi magaalaa Finfinnee beeksise.

Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee injiinar Taakkalaa Uumaa har’a ibsa kennaniin, magaalattiitti motor saayikilii Poolisii fi haala addaan irra deebiin galmaa’anii tajaajila poostaa kennaniin ala kanneen biroof socho’uun hin eeyyamamuuf.

Dhorki kun kan barbaachiseef yeroo dhiyoo asitti humnoota gurmaa’aniin saamichi konkolaataan deeggarame baay’achuunii fi jiraattotarratti sodaa waan uumeefi.

Kanaan waxabajji 30/2011 booda haala addaan irra deebiin galmaa’anii motor saayikiloota tajaajila poostaa kennaniin ala magaalattitti sochiin motor saayikilii hin jiraatu jedhan.

Motor saayikiliitti dabalee konkolaataa``vitzi fi konkolaatonni biroo lakkoofsa 2`` ilaalchisee qorannoo marsaa 2ffaa adeemsisuuf qophiiin taasifamuu isaa itti aanaa kantiibichi beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015