Itiyoophiyaan Yeroo Itti aanutti Sagantaa Misooma Baankii Addunyaarraa Caalaatti Fayyadamtuu taati---Hoji-gaggeessaa olaanaa

69

Finfinnee Waxabajji 11/2011 Itiyoophiyaan yeroo itti aanutti sagantaa misooma baankii addunyaarra caalaatti fayyadamtuu akka taatu hoji-gaggeessaa olaanaan baankichaa Kiristiinaa Ji’orjeva dubbatan.

Waldaan misooma idil addunyaa biyyoota guddataa jiraniif deeggarsa yaalii misoomaa kaayyeffachuun baankii addunyaa jalatti 1960 A.L.A waldaa dhaabame yoo ta’u, waggoota sadi sadiin yaa’ii walii galaa adeemsisa.

Yaa’ii 19ffaan waldichaa har’a Finfinneetti eegalameera.

Guyyoota sadiif walitti aanee kan turu yaa’ii kanarratti hoji-gaggeessaa olaanaan baankichaa Kiristiinaa Jio’orjeva dabalatee deeggartoonni waldichaa fi bakka bu’oonni biyyoota fayyadamtootaa hirmaattota dha.

Hoji-gaggeessaa olaanaan kun yaa’ii kana ilaachisee turtii gaazexeessitoota waliin taasisaniin Itiyoophiyaatti fooyya’ina dinagdee taasifamaa jiruun biyyattiin yaa’ii kana keessummeessuuf akka dandeessise dubbataniiru.

Itiyoophiyaan dinagdee dhuunfaa bulchuu ijaaruun lammiilee ishee miiliyoonaan lakkaa’amaniif carraa hojii bal’aa uumuuf yaalii taasisaa jirtus dinqisiifataniiru.

 Yeroo ammaatti baankiin addunyaa kun Doolaara biiliyoona 30 sagantaa misoomaaf qabachuu isaa kan kaasan Kiristiinaan, caalaatti sagantichaan gaanfa Afriikaa fi biyyoota  sahaaraa gadi jiran deeggarsa walitti hidhiinsa kutaawwaniif akka ooluuf eeraniiru.

 Haala wal fakkaatuun biyyoota raawwii dinagdee gaarii qabaniif deeggarsa bal’aa akka argatan ibsanii, Itiyoophiyaanis ishee tokko akka taate dubbatan.

Ministirri maallaqaa obbo Ahimad Shidee gama isaaniin gargaarsa baankii addunyaan Itiyoophiyaatti doolaara biiliyoona 12 oliin pirojektoota misoomaa hojiirra oolchaa akka jiran eeraniiru.

``Itiyoophiyaatti jijjiirama eegalameef baankichi deeggarsa taasisaa jira`` jechuun dabalanii dubbataniiru.

Bara bajataa qabame qofa doolaara biiliyoona 1 tuqaa 7 deeggarsa bajataa qindoome taasisuu isaa kaasaniiru.

A.D.W.U.I aangoo erga qabatee bara 1983 eegalee hanga har’aatti Itiyoophiyaan baankii addunyaarraa dhala gadi aanaa fi kennaa doolaara biiliyoona 20 argachuun ishee beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015