Wallagga Lixaatti Biqiltuun Bunaa Miiliyoona 208 Ol Dhaabbiif Qophaa'e

110

Naqamte Waxabajjii 10 / 2011  Godina Wallagga lixaatti biqiltuun bunaa miiliyoona 208 ol dhaabbiif qophaa'uusaa waajjirri qonnaa fi misooma qabeenya uumamaa ibse.

Waajjirichatti abbaan adeemsa hojii misooma bunaa obbo Efreem Masfin tajaajila ouu Itiyoophiyaaf akka himanitti biqiltuuwwan kunneen kan dhaabaman lafa qonnaan bulaa kuma 104 irratti dha.

Biqiltuuwwan kunneen buufataalee biqiltuu bunaa mootummaa 73 fi kan dhuunfaa kuma 5 fi 471 qophaa'uusaanii himaniiru.

Haa ta'u malee haala nageenyaa naannawa kanatti mul'ateen dhaabbiin biqiltuu bara kanaa kan waggaa darbee yeroo wal fakkaataa waliin wal bira qabamee yemmuu ilaalamu dhibbantaa 39n hir'achuusaa dubbataniiru.

Godinichatti lafa heektaara kuma 8 fi 900 irra kan ture mukoonni bunaa dullooman miiliyoona 30 tuqaa  2 ol gondolchamanii kunuunfamaa akka jiran beeksisaniiru.

Godinichatti misooma bunaaf lafti bunaaf mijatu dhibbantaa 61 ol akka jiru kan himan obbo Efreem, qonnaan bultoonni buna isaanii kunuunsuudhaan fayyadamummaasaanii guddisaa jiru jedhaniiru.

Godinichatti jiraataa aanaa Hoomaa ganda Arsamaa kan ta'an qonnaan bulaa Gizaawu Damisee yaada kennaniin oyiruu isaanii heektaara sadii ta'u irratti buna filatamaa misoomsuudhaan galiinsaanii guddachuusaa dubbataniiru.

Aanaa Qiltukaarraatti qonnaan bulaa ganda jiraataa ganda qonnaan bulaa Saachii Faqaadee Waaqjiraa yaada kennaniin deeggarsa ogeessota qonnaatiin oomishasaanii hojjechuudhaan galii argataniin maatiisaanii bulchaa akka jiran ibsaniiru.

Ijoolleesaaniis dhaabbilee barnootaa olaanaa barsiifachaa akka jiran dubbataniiru.

Sanyiiwwan filatamaa baasuudhaan moodala ta'anii filatamanii badhaafamuusaanii dubbataniiru.

Wallaggi lixaa naannoo Oromiyaattis ta'e akka Itiyoophiyaatti iddoowwan oomisha bunaatiin beekaman keessaa isa tokkodha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015