Komishinichi Barana Qabeenya Birrii Biiliyoona Tokko Tuqaa Lamatti Siqu Karaa Seeraan Alaa Socho’u Qabuusaa Ibse

138

Aksum Waxabajji 9/2011 Itiyoophiyaatti ji’oota darban 11tti  qabeenya Birrii biiliyoona tokko tuqaa lamatti siqu karaa seeraan alaa osoosocho’u qabamuu isaa komishinni federaalaa Gumuruk beeksise.

Itti aanaan komishinarichaa obbo Mulugeetaa Bayyanaa qaamolee ilaallatan waliin magaalaa Aksumitti marii adeemsifamaa jiru irratti akka dubbatanitti, qabeenyi kun kan qabame  alaa yeroo galuu fi biyya keessaa yeroo ba’u dha.

Sababoonni gurguddoon rakkoo kanaa dadhabina qindoomina qaamolee ilaallatanii, badii kana kan raawwatan irratti tarkaanfii seeraa fudhachuu dhabuu fi daldala seera qabeessaaf haala mijaataa utuu hin uumamiin hafuu dha jedhan.

Sochiin seer-malee miidhaa dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa biyyattii irratti geessisu dabalaa deemuu isaa eeranii, rakkoo kan ittisuuf gurmaa’ina bulchiinsa kellaa uumuu irratti ta’uusaa hubachiisaniiru.

Komishinichi qaamolee seer-malee socho’an irratti tarkaanfii seeraa fudhachuun ummataaf beeksisuu jalqabuu isaa obbo Mulugeetaan ibsaniiru.

Waggaa kana qofa shakkamtoota 899 to’annoo jala oolchuu isaa akka agarsiisaatti dhiyeessaniiru.

Ministirri galiiwwanii aadde Adaanech Abeebee gama isaaniin waltajjiin kun kallattii daldala seeraan alaa ittisuu fi to’achuuf waliin hojjechuu fi furmaata waliinii kaa’uuf yaadamee qophaa’uu isaa dubbataniiru.

Oomishni qonnaa biyyattii, albuudaa fi bineeldota dhaabbii karaa seeraan alaa biyya keessaa waan ba’aniif sochii baasii daldalaa miidhaa jiru.

Biyyattiitti bara 2006- 2010 A.L.I keessatti meeshaawwan  seeraan alaa Birrii Biiliyoona 3 tuqaa 6 ol qabamuu isaanii eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015