Biyyoonni Afriikaa Sahaaraa Gadi Jiran Bara 2019/20 Guddina Dinagdee Dhibbantaa Lama Tuqaa Sagal Ni Galmeessisu--- Baankii Addunyaa

62

Caamsaa 3/2011 Biyyoonni Afriikaa Sahaaraa gadi jiran akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 2019/20 guddina dinagdee dhibbantaa lama tuqaa sagal Akka galmeessisan Baankiin Addunyaa raageera.

Guddina dinagdee kanaaf oomishaa fi oomishtummaan qonnaa daddammaquu, oomisha boba’aa fi eksipoortii irratti fooyya’insoonni mul’achuunsaanii fi invastimantiin ummataa walitti fufaa ta’e ka’umsa akka ta’e eeramuusaa ‘CGTN’ weebsaayitiisaarratti dubbisiiseera.

Akka gabaasa weebsaayitii kanaatti biyyoonni kunneen bara Awurooppaa 2020tti dinagdee fooyyessuu fi akka badhaadhu taasisuudhaan guddinni kun dhibbantaa 3.3tti akka guddatu ibsameera.

Guddina biyyootaa jidduudhaa Angoolaa dhibbantaa 2 tuqaa 9, Afriikaa Kibbaa dhibbantaa 1 tuqaa 5, fi Naayijeeriyaan dhibbantaa 2 tuqaa 2 shoora akka qabaatan baankicha wabeeffachuudhaan ‘CGTN’ gabaaseera.

Galii oomisha biyyaa biyyoota kanneenii irratti guddinni akka galmaa’u kan ibsame ta’us,guddinni kun hiyyummaa kutaa kanaa hir’isuuf ga’aa akka hin taane eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015