Muummichi Ministiraa Doktar Abiyyi Ahmad Aksum Galan

154

Waxabajji 3/2011 Muummichi ministiraa doktar Abiyyi Ahmad har’a ganama bulchiinsa naannoo Tigiraay magaalaa Aksum galaniiru

Doktar Abiyyi buufata xayyaaraa Aksum yeroo ga’an itti aanaan pirezidaantii mootummaa naannoo Tigiraay doktar Dabratsiyoon Gabramikaa’eelii fi hooggantoonni biroon simannaa taasisaniiruuf.

Muummichi ministiraa  siidaa  Aksum kan daawwatan yoo ta’u, yeroo turtii isaaniitti rakkoo Yunivarsiitii Aksum keessatti uumame ilaalchisee marii ni taasisu jedhamee eegama.

Akkasumas jiraattota naannawaa waliinis marii akka taasisan ni eegama.

Itaamaajoor shumii ittisa biyyaa jeneraal Sa’aaree Makonnonis muummicha ministiraa waliin Aksumiin galuun isaanii beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015