Biiroon Barnoota Oromiyaa Qorumsa Biyyaalessaaf Qophii Ga'aa Taasisuu Isaa beeksise

Waxabajjii 02/2011 Qormaata bara kana kennamu kan kutaa 8ffaa, 10ffaa fi 12ffaa yeroo qabameefitti akka kennamuuf qophiin taasifamuu isaa hogganaan biiroo barnoota Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo beeksisaniiru.

Qorumsi biyyaalessaa kun naannoo Oromiyaa iddoo hunda ga'u isaa kan himan Doktar Tolaan, Walumaa galatti bara kana barattoonni miiliyoona 1 fi kuma 300 fi 155 buufataalee kuma 10 fi 12 keessatti qormaata akka fudhatanis eerameera.

Humni namaa hojii qormaata Kanaaf bobbaafamanis namoota kuma 42 fi 327 akka ta'anis beeksisaniiru.  

Barattoota qaroo dhabeeyyiifis barsiisonni qorumsa kana dubbisan qophii ta'uu isaaniis himaniiru.

Bara kana naannoo Oromiyaatti haalli baruu barsiisuu haala gahumsa qabuun kennamaa tureera jechuunis dubbataniiru.

Naannichatti rakkoon nageenyaa ture keessumattuu Godina Gujii fi Qellam Wallaggaatti yeroo muraasaaf muudatullee yeroo boqonnaa dabalachuun barnoonni akka bakka buufamu taasifameera.

Qormaata kana irratti rakkoon nageenyaa akka hin mudanneef koreen ummata, qamoolee nageenyaa fi maatii barattootaa irraa dhaabatee hojjechaa jiraachuu doktar Tolaan himanii jiru.

Haaluma kanaan sagantaa qormaataa biyyaalessaa ba'een barattoonni kutaa 10 waxabajjii 3-5, Kutaa 12 Waxabajjii 6-11 fi kutaa 8ffaa Waxabajjii 12-14/2011 geggeeffama jedhaniiru. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015