Dorgommiin Priimiyar Liigii Itiyoophiyaa Yeroodhaaf Akka Addaan Citu Murtaa'e

75

Finfinnee Caamsaa 28/2011 Dorgommiin priimiyar liigii Itiyoophiyaa yeroodhaaf akka adda citu murtaa'e.

Koreen hoji raawwachiistuu Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa har'a walga'ii ariifachiisaa isaa gaggeesseera.

Walga'ichaanis torbee 27ffaatti taphni gaggeeffamuun irra ture tabni Buna Itiyoophiyaa fi Maqalee 70 Indartaa rakkoo nageenyatiin tabatamuu dhabuu isaarraa kan ka'e murtee adda kutuu murteesseera.

Rakkoon nageenyaa priimiyar liigicharratti dhiibbaa ni uuma jedhee waan amaneef, akka adda citu murteesseera jedheera federeeshinichi.  

Taphni akka gaggeeffamu murtaa'ee tures akka haqamuu fi Kamisa caamsaa 29/2011tti taphni gaggeeffamuuf beellamni qabameef akka hafu murteesseera.

Taphoonni priimiyar liigichaa itti aananis qaamolee dhimmi isaan ilaallatu waliin mari'atamee furmaata waaraa amma argatutti akka adda citu murteessera. 

Baasii adda addaa fi dhimmoonni biroo akkaataa dambiitiin gaafataman qajeelfama naamusaa federeeshinichaatiin, dambii dorgommiitiin kan ilaallaman ta'a.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015