Sababa Walitti bu’insaa, Buqqaatii fi Gogiinsaan Barattoonni Barumsa Isaanii Addaan Kutan Barnoonni Bakka Bu’insaa Gannaa Kennamuufi

50

Naannowan walitti bu’insa, buqqaatii fi goginsni raawwachuun barattoonni barnoota isaanii addaan kutan barnoonni bakka bu’insaa gannaa akka kennamuuf ministeerri barnootaa beeksise.

Dhaabbanni barnoota, saayinsii fi aadaa mootummoota gamtoomanii /UNESCO/ bara 2015 odeeffannoo baaseen addunyaarraatti barattoonni manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2faa 624 ol barnoota isaanii irraa ala ta’uu isaanii agarsiisa.

Itiyoophiyaattis bara kana naannolee garaagaraatti waldhabinsa, goginsaa fi buqqaatiin ummanni hedduun qe’ee isaaniirraa godaanuun rakkoof saaxilamuun isaanii ni beekama.

 Barattoonni naannowwan kanatti argaman barnoota isaanii walakkaa waggaa utuu hin hordofiin hafaniiru.

Sababa kanaan barattoota barnoota isaanii addaan kutan kuma 300 barnoota bakka bu’insaa gannaa akka kennamuuf ibsameera.

Ministeerichatti daayirektarri fooyya’insa barnootaa obbo Yohaannis Wogaasoo akka ibsanitti, walitti bu’insa, buqqaatii fi goginsi bakka itti uumame naannolee Kibbaa, Amaaraa, Oromiyaa fi Somaaleetti gareen ijaaramee qorannoon taasifamaa tureera.

Barattoonni kuma 300 ol ta’an kun deeggarsi barnootaa kan isaan barbaachisu waan ta’eef  kan addaan kutan bakka buusuuf ji’a Waxabajjii bara 2011 hanga Fulbaana 30/2012 barnoonni akka kennamu ibsameera. 

Kanaaf barattoonni eebbifaman kuma 6 naannolee kanatti bobba’uun tola ooltummaan kan barsiisan ta’a.

Tajaajila kana kennuuf waliigalaan Birrii biiliyoona 1 tuqaa 2 kan barbaachisu yoo ta’u, galii manneen barnootaa dhuunfaa, qaamolee gargaarsaa, biiroolee barnootaa naannoo, namoota dhuunfaa, barattootaa fi qaamolee hawaasaa biroorraa funaanuuf karoorfamuun isaa ibsameera.

Dabalataan funaansa galii kanaaf sagantaalee irbaataa abbootii qabeenyaa hirmaachisu lama akka taasisu  beeksisaniiru.

 Ji’a muddee darbee eegalee sababa rakkoolee kanaan manneen barnootaa 813 cufamanii kan turan yoo ta’u, kana keessaa yeroo ammaa kana 564  banamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015