Karoorri Biqiltuu Dhaabuu Itiyoophiyaa Sababoota Addaddaatiin Muka Biiliyoonaan Lakkaa'amu Dhabdeef Murteessaadha

105

Finfinnee Caamsaa  27/2011 Itiyoophiyaan ganna kana biqiltuu dhaabuuf karoora qabatte muka biyyattii sababoota addaddaatii waggoota dheeraaf manca'aa ture bakka buusuuf murteessaa akka ta'e sagantaan nyaata addunyaa ibse.

Itiyoophiyaatti daarektarri itti aanaa sagantaa nyaata addunyaatti Paawul Ternbuul tajaajila oduu Itiyoophiyaaf akka ibsanitti, sababa addaddaatiin qabeenya muka waggoota dheeraaf manca'aa ture bakka buusuuf karoorri ba'ee hojjetamuu qaba.

Qabeenya mukaa qoraan, Cilee, ijaarsaaf, nyaata looniif jecha faayidawwan addaddaaf oolaa jiru jala jalaan bakka buusuun akka barbaachisu itti aanaan daarektaraa kun ibsaniiru.

Kanaaf wayita gannaa guutuu biyyattiitti biqiltuu mukaa biiliyoonatti lakkaa'amu dhaabuuf karoorri qabamee fi qophiin taasifame tarkaanfii murteessaa akka ta'e dubbataniiru.

Muka tajaajilaaf oolu bakka buusuuf itti fufiinsaan muka yoo hin dhaabne miidhaa jijjiirama haala qilleensaaf saaxilamuurra darbee haphachuu qabeenya uumamaa fiduu akka danda'u hubachiisaniiru.

Muka dhaabuun dhiqama biyyoo kan ittisuu fi qabeenya bishaanii guddisuu kan danda'u waan ta'eef cimee itti fufuu akka qabu itti aanaan daarektaraa kun eeraniiru.

Sagantaan nyaata addunyaa sagantaa seeftiineetti Itiyoophiyaatti hojjechaa jiruun hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii hojjeteen bu'aa fiduusaa kan ibsan Paawul Ternibuul, kanaanis duudhaa hawaasaa duguuganii itti fayyadamuun akka barbaachisu eeraniiru.

Dhaabbatichi lafaa fi bishaan sirnaan itti fayyadamuudhaan gama bulchiinsa lafaa fi bishaaniitiin bu'aa olaanaa fiduu akka danda'e yaadachiisaniiru.

Guutuu biyyaatti biqiltuu mukaa biiliyoonatti lakkaa'amu dhaabuuf karoorri misooma magariisaa biyyaalessaa mukni 40 nama tokkoof jedhu ba'ee hojiitti galamuunsaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015