Ayyaanni Id Baranaa Gaaffiiwwan Hawaasa Musliimaa Kan Deebii Itti Argatanidha--- Mana Maree Walii galaa Dhimmoota Islaamumaa Finfinnee

124

Finfinnee Caamsaa 27/2011 Ayyaanni ID gaaffiiwwan hawaasa musliimaa waggaa deebii itti argate ta'uusaa manni maree walii gala dhimmoota Islaamummaa Finfinnee ibse.

Pirezidaantiin mana maree walii galaa Sheeh Abdulaaziiz Waguu kabaja ayyaana Id waggaa 1440ffaa irratti argamuun ergaa dabarsaniin, Id baranaa kan adda taasisu jijjiiramoonni akka biyyaa fi dhaabbataatti kan itti taasifamanii fi gaaffiiwwan hawaasa musliimaa deebii kan itti argatanidha jedhaniiru.

Sheeh Abdulaaziiz dabaluudhaa akka jedhanitti, ayyaana kana wayita kabajnu kanneen buqqa'an gaafachaa, deebifnee dhaabuudhaan fi kanneen rakkatan gargaaruudhaan ta'uu akka qabu himaniiru.

Magaalaa Finfinneetti hawaasni musliimaa masgiidaa fi bakka itti sagadaniin wal qabatee gaaffiiwwan kaasaa ture karaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee deebii argachaa akka jiranis pirezidaantichi ibsaniiru.

Fakkeenyaaf masgiidota 22 ol kaartaan itti haa makamuu, yeroo dheeraa itti sagadamaa kan turan garuummoo kaartaa qabiyyee mirkaneess kan hin arganne iddoowwan 10 ol kaartaan akka kennamuuf taasifameera jedhaniiru.

Gama biraatiin naannawoota iddoo manneen waliin jireenyaa fi iddoowwan magaalaan itti babal'atetti bakka sagadaa haaraa ijaaruuf gaaffii dhiheessinee amma dhuma bara bajataa kanaatti iddoowwan haaraa toorba ni fudhanna jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015