Raayyaan Ittisaa Magaalattiif karaa kiilomeetira 12 hojjete

59

Naqamtee Caamsaa 26/2011 Raayyaan ittisa biyyaa magaalaa Arjoo Guddattuuf karaa kiilomeetira 12 hojjetee kenne.

Raayyaan kun karaan magaalattii keessatti hojjete aantummaa ummatummaa isaaf kan ragaa ba’u dha jechuun jiraattonni magaalichaa dubbatan.          

Kantiibaan bulchiinsa magaalichaa obbo Indaalee Waaqbushoo Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf akka beeksisanitti pirojektiin konistiraakshinii Raayyaa magaalicha keessatti karaa keessaa hojjetee xumuruun torban kana kenneera.

Pirojektichi deeggarsa magaalichaaf taasise Birrii miiliyoona 3 tuqaa 2tti tilmaamama.

Magaalaa kanatti jiraataa ganda 02 kan ta’an obbo Tsaggaayee Olaanii akka dubbatanitti raayyaan kun nageenya daangaa biyyaa eegsisuurra darbee misoomarraatti hirmaachuun aantummaa ummataa ta’uusaa mirkaneesseera.

Ummanni magaalaas kaffaltii tokko malee dallaa fi mana jireenyaa isaa diiguun karaa kana hojjechiisuu isaa ibsaniiru.

Magaaluma kanatti jiraataa ganda 01 kan ta’an obbo Taklebirhaan Ambaayee raayyaan kun deeggarsa utuu hin taasifne ta’ee karaan keessaa hirmaannaa ummataan hojjetamuuf kan hin yaadamne ta’uusaa eeraniiru.

Itti gaafatamaaan giddugala konistiraakshinii leenjii waraanaa Dhidheessaa Shaambal Injiinar Fiqaaduu Yaazaw Raayyaan kun nageenyaa biyyaa eegsisuurratti dabalatee gaaffilee bu’uura misoomaa ummataa furuuf hojjechuu isaa ibsaniiru.

Gara fuulduraattis gaaffii ummataa bu’ureeffachuun rakkoolee uumaman hiikuuf qophaa’aa dha jechuun beeksisan.

Magaalaan Arjoo Guddattuu aanaa Diggaa keessatti kan argamtuu fi jiraattota kuma 25 ol kan qabdu yoo taatu, bara 1973 A.L.I hundaa’uushee odeeffannoon eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015