Manni barumsaa baasii birrii miliyoona 40n ijaarame eebbifame

61

Finfinnee Mudde 30/2011 manni barumsaa dhaabbanni gargaarsaa emireetii Arabootaa wal ta’anii Al maktum faawondeeshin jedhamu baasii birrii miiliyoona 40n ijaarsise eebifame.

Dhaabbanni gargaarsaa kun Itoophiyaa keessatti amma ammmaatti manneen barumsaa 4 ijaarsiseera.

Manni barumsaa  kun kutaa magaalaa yekkaa addababayii Ayaat bakka jedhamutti kan ijaarame yoo ta’u, barattoonni afaan oromootiin afaan hiikkatan kan itti baratanidha.

Baasiin ijaarsaa fi meeshaalee dhaabbata gargaarsaa kanaan kan guutame yoo ta’u, waggoota shaman dhufaniif kafaltiin barsiisotaa dhaabbata kanaan kan raawwatamu akka ta’e beekameera.

Bara 2012 eegalee barattoonni qabxii olaanaa fidan mana barumsaa idil addunyaa Sudaanitti argamu ‘Intarnaashinaal foor Afriikaa’ jedhamu keessatti tolaan akka baratan itti gaafatamaan biiroo barnoota Finfinnee doktor Taaboor G/Madin sirna eebbaa mana barumsichaarratti dubbataniiru.

Kana malees barsiisotaaf carraan barumsaa akka kennamuu fi biyyoota Afriikaa biroo waliin muuxannoo wal jijjiiruuf karoorfamuusaa eeraniiru.

Humna simannaa mana barumsichaa guddisuuf hojii babal’isuu hojjechuuf qophiin xumuramuu doctor Taaboor dubbataniiru.

Daarekteriin mana barumsichaa Kadir Jaarsoo gamasaaniitiin, ijoolleen afaan Oromootiin afaan hiikkatanii fi maatiinsaanii galii xiqqaa qaban carraa barnootaa akka argatan kan taasisudha jedhaniiru.

Akkasumas manni barumsaa kun bakka kanatti banamuunsaa Itoophiyaanota carraa hojii hin qabneef carraa hojii kan uume ta’uusaa ibsaniiru.

Ogeessi komunikeeshinii faawondeeshinii Al Maktum ob. Abdulshikur Manzaa akka jedhanitti, dhaabbanni gargaarsaa kun Itoophiyaa keessatti gama dame barnootaatiin gumaacha taasisu cimsuudhaan dameelee biroorrattis hojjechuuf karoora qaba jedhaniiru.

Dhaabbanni gargaarsaa kun Itoophiyaa keessatti cimina dame barnootaatiif mootummaan biyyattii deeggarsi taasisef ob. Abdulshikur galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015