Rakkoo Mana Barumsaa Fedhii Addaa Sabbataa Furuuf Xiyyeeffannaan Hojjetamaa jira

140

Caamsaa 22/2011 Rakkoo mana barumsaa fedhii addaa Sabbataa furuuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uun ibsame.

Hoogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo waltijjii magaalaa Sabbataatti ademsifamerratti yoo ibsan qaama miidhamummaan dandeettii dhabuu waan hin taaneef qaamoleen addaddaa tumsa gochuun eeggattummaa jalaa akka bahaniif hojjechuu qabu jedhaniiru.

Haaluma kanaan waajjirri giifti duree maashina daabboon itti tolfamuu fi laawundarii uffanni ittiin miiccamu arjoomuuf waada kan galan yoo ta’u, Biiroon barnoota Oromiyaa kompiitara 15, Bulchiinsi Magaalaa Sabbataa ammoo lafa qonnaa fi horsiisa horii fi lukkuuf oolu kennuun kan tumsan tauu ibsamuusaa biiroo dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaatu gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015