Rakkoon Sanyii Filatamaa Waan nu Quunnameef Sanyii Faccaasuu Hin Dandeenye … Qonnaan Bultoota Wallagga Lixaa

65

Naqamtee Caamsaa 21/2011 Rakkoon sanyii filatamaa waan nu quunnameef qonnaa gannaatiif sanyii faccaasuu hin dandeenye jechuun qonnaan bultoonni godina Wallagga Lixaa dubatan. 

Qonnaan bultoota kanneen keessaa jiraataan aanaa mana Sibuu ganda Maxaarii Birbirsaa obbo Ambaayyee Galataa akka jedhanitti lafa heektaara lama qaban qotanii qopheessanis sanyii argachuu hin dandeenye jedhaniiru.

Sanyii barbaaduufis gara waajjira qonnaa aanaatti yoo deddeebi'aniyyuu sanyii argachuu akka hin dandeenye himaniiru.

Qonnaan bulaan ganda Ombooshaa Iyyasuus obbo Simaachoo Laggasaa gama isaaniitiin sanyii Boqqoolloo dhaabuu isaaniin lafa isaanii sanyiin osoo hin uwwisiin hafuu isaanii dha kan dubbatan.

Sanyii filatamaa barbaacha miila isaaniin sa'aatii shan deemanii barbaadanis sanyii argachuu akka hin dandeenye ammoo kan himan jiraataa ganda Caafcafii Baabboo kan ta'an obbo Beekamaa Kadiirii dha.

Waajjirra babali'na hojii gamtaa aanichaatti abbaan adeemsa hojii dhiyeessii sanyii filatamaa obbo Ebbisaa Taammiruu hanqinni sanyii filatamaa jiraachuu isaa beeksisaniiru. 

Qonnaan bultoota aanaa kuma 3 ol ta'aniif sanyiin filatamaa kuntaala 418 qofti dhiyaachuu isaa himanii, fedhiin qonnaan bultootaa fi dhiyeessiin wal simuu dhiisuu isaas dubbataniiru.   

Bara kanas hanqinni sanyii filatamaa hamma ta'e isaan quunnamuu isaas himanii jiru.

Godina Wallagga Lixaatti hogganaan waajjira qonnaa fi qabeenya uumamaa kan ta'an obbo Abbabaa Tsagaayee akka jedhanittis akka godinaatti qonnaa bara kanaaf sanyii filatamaa Boqqoolloo kuntaala kuma 5 fi 740 qofti akka ramadameef himaniiru.  

Dhiyeessiin bara kanaas kan bara darbe waliin wal bira yoo qabamu dhibbeentaa 20 hir'ina agarsiisuu isaa himanii, sanyiin filatamaa argame kunis lafa heektaara kuma 22 fi 960 qofa misoomsuu akka danda'us eeranii, qonnaan bultoota kuma 46 bira qofa akka qaqqabus himanii jiru.

Qonnaan bultoonni sanyii filatamaa hin argannes sanyii naannoo isaaniitiin lafa isaanii akka uwwisan waamicha dhiyeessanii jiru.

Hanqinni sanyii filatamaa yeroo ammaa kan quunaames qonnaan bultoota sararaan facaasan irratti dhiibbaa kan qaqqabsiisu ta'uus dubbatanii jiru.

Oduu wal fakkaatuunis godina Wallagga Bahaatti qonnaa bara kanaaf dhiyeessiin sanyii filatamaa kan bara darbee waliin yoo wal bira qabamu dhibeentaa 18tiin kan gadi bu'e ta'uu isaas waajjirri qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa beeksiseera. 

Odeeffannoon waajjirricha irra argame akka jedhutis sanyiin filatamaa boqqoolloo kuntaala kuma 27 fi 826 qofti dhiyaachuun isaa beekamee jira.

Hanqina sanyii filatamaa quunname kanas bakka buusuuf godinoota ollaa jiran irraa sanyiin filatamaa barbaadamaa jiraachuun isaas himamee jira.

Godina Wallagga Bahaatti hanga yoonaattii lafti heektaarri kuma 54 fi 471 sanyii boqqoolloo fi mishingaan uwwifamuun isaa beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015