Godina Matakkalitti Naannessa Meeshaalee Sagalee Dhabeeyyii Irratti Dhorki Taasifame

57

Asoosaa Caamsaa 16/2011 manni maree nageenyaa naannoo Benishaangul Gumuz godina matakkalitti naannessi meeshaalee sagalee dhabeeyyii akka dhorkamu murteesse.

Manni mare kun kaleessa murtii kan dabarse godinichatti rakkoo nageenyaa uumame furuuf akka ta’e beeksiseera.

Kanaan godinichatti bakka walitti bu’iinsi itti uumames ta’e naannawaa kamittuu naannessi meeshaalee dhorkameera.

Akkasumas haala addaan qaamolee eeyyamameef irraan kan hafe milishaa, hidhattoota gandaas ta’e namoonni dhuunfaa biroon meeshaalee waraanaa qabatanii akka hin sochoone manni marichaa dhorka kaa’eera.

Akkasumas naannichi daangaalee naannoo Amaaraatiin daangeffamu fageenya kiilomeetira shan irratti humna ittisa biyyaa fi miseensota poolisii federaalaa qofadha meeshaalee waraanaa qabatanii akka socho’aniif kan eeyyamame.

Humni addaa naannoo kanaas ta’e poolisii idileen meeshaalee waraanaa qabatanii socho’uu akka hin dandeenye ibsichaan eereera.

Aanolee Daangur, Maanduraa, Phaawee fi Dibaaxeetti komaandi poostiin yeroof hundeeffame murtii kana hordofee akka raawwachiisu manni marii kun ajajeera.

Naannichatti walitti bu’iinsa uumame hambisuuf olaantummaa seeraa kabachiisuuf yaalii eegalame fullaasuuf deeggarsa akka taasisu eerera.

Nageenya naannoo kanaaf dursa ummanni itti gaafatamummaa akka qabu kan eere ibsichi, godinichatti lammiilee walitti bu’iinsaan buqqa’an gara qe’ee isaaniitti deebisuuf yaalii taasifamuuf gargaarsa akka taasisaniif waamicha dhiyeesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015