Finfinneetti Meeksikoo Irraa Amma Gamtaa Afriikaatti Addababayiin Nageenyaa Moggaafamuufi

105

Caamsaa 14/ 2011 Finfinneetti Meeksikoo irraa amma gamtaa Afriikaatti kan moggaafamu addababayii nageenyaatiif hundi ga'eesaa akka gumaachu gaafatame.

Bulchiinsa magaalaa finfinneetti biiroon qindeessaa dargaggootaa fi tola ooltummaa dhaabbata 'Biraaviiyaa Afriikaa' waliin mata duree "jaalalaaf jecha walitti bu'iinsa keenya haa dhaabnu" jedhuun dargaggootaa fi qaamolee dhimmi ilaalu waliin marii adeemsisaniiru.

Daarektarri Biraaviiyaa Afriikaa adde Hiwoot Adaanee wayita kana akka jedhanitti, addababayii moggaafamu kanaan itiyoophiyaa qofa osoo hin ta'iin iddoo mallattoon nageenyaa biyyoota Afriikaa hunndaa kaa'amu hojjechuuf waggoota sadan darbaniif sochiin taasifameera.

Kanaaf Addababayiin kun waa'ee nageenyaa ilaalchisee kan lallabu hubachuudhaan fi magaalaan Finfinnee teessoo gamtaa Afriikaa ta'uushee tilmaama keessa galchuudhaan Addababayii Meeksikoorraa karaa Imbaasii Sudaan amma gamtaa Afriikaatti akka moggaafamu qophiileen xumuramaniiru.

Bakki kun kan filatame dhiheenya gamtaa Afriikaaf qabuu fi hooggantoonni gamtaa Afriikaa waggaa waggaadhaan yaa'iif wayita dhufan kana ilaalaa waa'ee nageenyaa sadarkaa addunyaatti akka lallaban akka gargaaruufi jedhaniiru.

Addababayicharra kan kaa'amu guutuu addunyaarraa keessumaa mallattoowwan nageenyaa Afriikaarraa walitti qabaman sadarkaa idil addunyaatti Itiyoophiyaa dursituu kan taasisan yoo ta'u, iddoon kun hawannaa turistiif, qorannoo fi qu'annoo nageenyaatiif akka ta'u dabalanii ibsaniiru.

Kanaafis mootummaan ministeerri nageenyaa, dargaggoonni, gamtaan Afriikaa, dippiloomaatonnii fi imbaasonni ga'eesaanii akka ba'an gaafataniiru.

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti itti gaafatamaan biiroo qindeessaa dargaggootaa fi tola ooltummaa obbo Hayilasamaa'it Marihaaxibab akka dubbatanitti waa'ee nageenyaa mari'achuu fi lallabuun biyya gara nageenyaa fi demokiraasiitti fiduuf gargaara.

Dargaggoonni bu'aa nageenyaa hubatanii ergaawwan nageenyaa hawaasa hundaaf dabarsuudhaan xiyyeeffannoodhaan akka hojjetan ergaasaanii dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015