Itiyoophiyaa Dhihaatti Buqqaatonni Kuma 137 Ol Ta’an Gara Qe’ee Isaaniitti Deebi’an

96

Naqamtee Caamsaa 14/2011 Itiyoophiyaa dhihaatti walitti bu’iinsa tureen kanneen buqqa’an keessaa namoota kuma 137 ol gara qe’ee isaaniitti deebi’uu isaanii naannoo Oromiyaatti waajjiraaleen hoogganaan bulchiisa hojii sodaa balaa godinaalee bahaa fi dhiha Wallaggaa beeksisan.  

Godina Wallagga bahaa keessaa kaampileen bakka dawoo 18 cufamaniiru.

Waajjiraaleen kunneen Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf akka ibsanitti, naannolee Benishaangul gumuz daangaa aanolee Oromiyaa gidduutti walitti bu’iinsa uumamee tureen lammiileen buqqa’an gara qe’ee isaanii duraatti deebi’aniiru.

Itti gaafatamaan waajjira hoogganaa bulchiinsa hojii sodaa balaa obbo Daarjee Guddataa naannolee kana gidduutti walitti bu’iinsa uumameen godina Kamaashiitii buqaa’anii aanolee shanittii fi magaalaa Naqamteetti kaampota bakka dawoo/baqaa keessa turan lammiileen kuma 68 fi 636 gara qe’ee isaaniitti galaniiru.

Kanaanis kaampileen bakka dawoo/baqaa 18 cufamuun isaanii beeksisaniiru.

Haaluma walfakkaatuun godina Lixa wallaggaatti buqqaatonni kuma 69 caalan gara qe’ee isaaniitti deebi’uu isaanii godinichatti itti gaafatamaan waajjira hoogganaa bulchiinsa hojii sodaa balaa obbo Eeliyaas Kadir dubbataniiru.

Kan hafan buqqaatota kuma 4 ol yeroo gabaabaa keessatti deebisuuf hojjetamaa jira jedhan.

Gara godina Kamaashiitti buqqaatota deebi’an keessaa jiraataa magaalaa Sogee ganda 01 kan ta’an obbo Lammeessaa Makonnan walitti bu’iinsa uumamee tureen manni buqqaatota duraa waan barbadaa’eef mana kuusaa namoota dhuunfaatti baqachuuf dirqamamneerra jedhan.

Buqqaatota keessaa obbo Gammachuu kan jedhaman mana isaanii duraanii akkuma jirutti argatanis qabeenyi isaanii garuu saamamuu isaa ibsaniiru.

Bulchaa Baloo Jaganfooyi obbo Dhinsaa Amantee buqqaatonni deebi’an bakka boqotan akka argataniif mana jireenyaa isaanii barbadaa’e deebisanii ijaaruuf sochiirra jirra jedhan.

Bulchaa godina Kamaashii obbo Taarikuu Kumarraa gama isaaniitiin buqqaatota kuma 3o ta’an fudhatanii aanolee shanittii fi bulchiinsa Kamaashiitti qubataa akka jiran hubachiisaniiru.

Naannawa manni jireenyaa hin qophoofnetti dunkaanotaa fi Sharaa pilaastikaa bakka dawoo yeroof qopheessuu isaaniis dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015