Itiyoophiyaatti Abbaan Taayitaa Dhiyeessii Fi Raabsii Boba’aa Fi Bu’aawwan Boba'aa To’atu Hundeeffamuufi - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaatti Abbaan Taayitaa Dhiyeessii Fi Raabsii Boba’aa Fi Bu’aawwan Boba'aa To’atu Hundeeffamuufi

Finfinnee Caamsaa 13/2011 manni maree bakka bu’ootaa dhiyeessii fi tamsaasni boba’aa fi bu’awwan boba’aa kan to’atu waajjirri abbaa taayitaa hundeessuuf labsiin dandeessisu raggaasise.
Manni marichaa har’a walga’ii idilee isaarratti labsii kana kan raggaasise koree dhaabbii dhimma daldalaa fi industirii abbaa taayitichaa hundeessuuf jedhamee yaada murtii wiixinee labsii qophaa’e erga qoratee boodadha.
Adeemsa qophii wiixinee labsichaarratti wantoota hojjetaman, qabxiiwwan gurguddoo adda baafaman, hooggantoonni hojii ibsa kennaniin gargaarsaan kan kennaman, fooyya’insa wiixinee labsichaarratti taasifaman, yaadolee murtii miseensota mana mareef dhiyaatee mariin taasifameera.
Boba’aan misoomaa fi guddina biyyaaf madda humna murteessaa akkasumas sharafni alaa olaanaan itti ba’ee gara biyyaatti kan galu oomisha Itiyoophiyaati.
Labsiin kun amala oomishichaa qo’achuun karaa itti faayidaarra oolu mijeessuun alatti oomishichi fayyaa namaa, qabeenyaa fi naannoorratti haala miidhaa hin geessifneen hojiirra oolchuun mirkaneessuuf galma qaba.
Haala kanaan abbaan taayitaa haaraan hundeeffamu qaamolee boba’aa fi bu’aawwan boba’aa qulqulleessuun, dhiyeessuun, kuusuun, imalchiisuun, hiruun, qanxabuunii fi hojiwwan kanneen kanaan walqabatanirratti bobba’an ni to’ata.
Kanaan alatti bittaa fi gurgurtaa boba’aa fi bu’aawwan boba’aa hojii daladalaa karaa sirriin adeemsifamuu isaa fi ummataafis akka qaqqabuuf hojii mirkaneessuu ni hojjeta.
Miseensonni mana marichaa keeyyatawwan labsii kanaan adda ba’an irratti falmii erga taasisanii booda labsichi dhorka sagalee tokkoon sagalee caalmaan, lakkoofsa labsii 1145/2011 ta’uun ragga’eera.