Abbootiin Qabeenyaa Ameerikaa Itiyoophiyaatti Invastimantii Irratti Bal’inaan Akka Bobba’an Gaafataman

182

Caamsaa 9/2011 Abbootiin qabeenyaa Ameerikaa Invastimantii Itiyoophiyaatti bal’inaan akka hirmaataniif Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Maayikil Rayinar gaafatan.

Ameerikaatti manni hojii dhimma alaa birroo korporeeshinii miliiyineemii chaalenji deeggarsa guutuu addunyaa waliin ta’uun ``Yaa’ii gargaarsa Itiyoophiyaa`` Ameerikaatti magaalaa Waashingiteenitti adeemsiseera.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Maayikil Rayinar yeroo kana akka dubbatanitti Itiyoophiyaatti gama siyaasaa fi dinagdeen hojiin hojjetame hojii invastimantiif mijataadha.

Modeelli dinagdee Itiyoophiyaa gaggeessa mootummaarraa gara dhuunfaattii naanna’uun isaa abbaa qabeenyaa dhuunfaa fi Invastimantiif carraa guddaa uumeera.

Kunis biyyattii keessatti sirna paartii hedduu gabbisuuf adeemsa jijjiirama biyyaa keessatti kan adeemsifamu ta'uu eeraniiru.

Kanaan abbootiin qabeenyaa biyya isaanii invastimantii Itiyoophiyaarratti bal’inaan akka bobba’anii fi Itiyoophiyaa cimtuu fi dinagdee guddate qabdu taasisuuf ga’ee isaanii akka ba’aniif gaafataniiru.

Yaa’icharratti mana hojii mootummoota Ameerikaa fi Itiyoophiyaa 400 ol akkasumas abbootiin qabeenyaa hirmaataniiru.

Yaa’ii kanaan dhimmoota dhiyeessii faayinaansii, bu’uraalee misoomaa telekom, dhiyeessii humnaa fi qonna ammayyaa  irratti mariin adeemsifameera.

Manni maree waldaa daldalaa Ameerikaa Itiyoophiyaatti abbootii qabeenyaa 41 invastimantii irratti akka hirmaatan taasiseera.

Yaa’iin kun Ameerikaa fi Itiyoophiyaatti deeggersa invastimantii jiru saffisiisuuf kan yaade ta’uu isaa Imbaasiin Ameerikaa ibsa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatiif ergeen eereera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015