Pirezidaant Doonaald Traamp Haleellaa Saayiberii Ittisuuf Labsii Yeroo Balaa Biyyoolessaa Labsan

44

Caamsaa 8/2011  Pirezidaant Doonaald Traamp haleellaa saayiberii ittisuuf labsii yeroo balaa biyyoolessaa labsan.

Pirezidaantichi neetwoorkii kompitaraa biyyattii haleellaa saayibaraa biyya alaa irraa oolchuuf labsii kana labsuutu himame.

Murtee darbeen dhaabbileen Ameerikaa tajaajila teeleekoomii yaaddoo nageenya biyyattii ta'uu akka hin fayyadamne dhorkeera.  

Murtee pirezidaantichaan dhaabbileen teeleekoomii eeraman jiraachuu baatanis Huwaawween ta’uu akka hin oolle tilmaamameera.  

Dhaabbanni teekinooloojii Huwaawwee Chaayinaa sochiin Huwaawwee Ameerikaatti yoo daangeffame kan miidhamu maamiloota Ameerikaati jedheera.   

Ameerikaa dabalatee biyyoonni baay’een oomishni Huwaawwee yeroo dhiyoo asitti tajaajila basaastummaa Chaayinaaf oolaa jira jechuun yaaddoo keessa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015