Magaalaa Buraayyuutti Ji'oottan Lamaan Itti Aananitti Dargaggoota Kuma 4 Oliif Carraan Hojii Ni Uumama

106

Caamsaa 7/2011 Magaalaa Buraayyuutti ji'oottan lamaan itti aananitti dargaggoota kuma 4 fi 920 hojiitti galchuuf haal-dureen xumuramuun ibsame.

Injifannoo gama siyaasaan argame dinagdeedhaan utubuuf waltajjiin marii sosochii dargaggoota bulchiinsa magaalaa Buraayyuutti taa’amee jira.

Xiyyeeffaannoo guddaan marii kanaa dargaggoonni bu'aa injifannoo siyaasaa argame keessatti gumaacha olaanaa akkuma qaban, dargaggoonni diinagdeedhaan fayyadamaa nageenya biyyaa itti fufsiisuu akka mirkaneessaniifi jedhameera.

Tattaaffii carraa hojii uumuu bara kana magaalichatti taasifameen hojii dhabeeyyii kuma 11 ol hojiitti galchuun danda'ameera.

Ji'oottan lamaan itti aananitti dargaggoota kuma 4 fi 920 hojiitti galchuuf haal-dureen xumuramuu eerameera. 
Raawwiin hojii waliigalaa carraa hojii uumuufi liqaa deebisuu gabaasaan dhiyaateera.

Qormaatawwan carraa hojii dhiphisanii fi nageenyaaf yaaddoo ta'an keessaa humni magaalichaa fi baay'inni hoji barbaadaa kan wal hinsimne ta'uu, liqaawwaniib fi sheediiwwan deebi'uu dhabuu, seektaroonni hojii isaanii qindoominaan hojjechuu dhabuu, ijaarsa seeraan alaa fi sochiin seermaleessummaa olola sobaa fi deddeebisa meeshaalee waraanaa ibsamaniiru.

Rakkoowwan kana gama hojimaataa fi qindoominaan kallattiin furamurratti mari’atameera jechuun OBN gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015