Koolleejjiin Yuuniivarsiitii Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa ogeeyyii damee Odeeffannoon leenjisaa ture eebbisiise - ENA Afaan Oromoo
Koolleejjiin Yuuniivarsiitii Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa ogeeyyii damee Odeeffannoon leenjisaa ture eebbisiise

Amajjii 28/2015 (TOI) – Koolleejjiin Yuuniivarsiitii Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa ogeeyyii damee Odeeffannoon leenjisaa ture guyyaa har’aa eebbisiiseera.
Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa hojiilee riifoormii hojjechaa jiraachuufi humna namaa faayidaafi nageenya biyyaalessaa kabachiisuu danda’u gahoomsaa jiraachuu Itti aanaan Jeneraal Daayrektara Tajaajilichaa obbo Taazeer Gabra’igzaabiheer sagantaa eebbaa kanarratti argamuun haasawaa taasisaniin ibsaniiru.
Eebbifamtoonnis bakkeewwan ramadamanitti gahee faayidaafi nageenya biyyaa kabachiisuu ba’achuuf of qopheessuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Pireezidaantiin Kolleejjii Yuunivarsiitii Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa obbo Wandiwasn Kaasaa gamasaaniin, yeroon ammaa yeroo itti odeeffannoon saffisa olaanaan waljijijjiiramu waan ta’eef humna namaa haala odeeffannoo hubachuun yaaddoowwan nageenyaa hambisuu danda’an horachuun dirqama ta’uu kaasaniiru.
Kolleejjichi gama humna namaa faayidaa biyyaalessaa kabachiisuufi gocha malaammaltummaarraa bilisa ta’e akkasumas dirqama kamiifuu qophii ta’e horachuun dandeettii keessoo ijaaruurra darbee qaamolee dhimmi ilaallatuuf yeroo yerootti ogeeyyii leenjisaa jiraachuu himaniiru.