Adda addummaan tibbana Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa gidduutti mudate karaa nagaan, hojimaata keessoon furamuu akka qabu mootummaan ni amana

98

Amajji, 28/2015(TOI) - Jaarsoleen biyyaa, abbootiin amantii lammiilee lameen walitti dhiyeessuun rakkoo isaan gidduu jiru karaa nagaan hiikuu akka qabis beeksiseera.

Gama biroon humnoonni amantiifi gosa dahoo godhachuun walitti bu’insa uumuuf yaadan, biyya diiguuf karaawwan garagaraan yaalanii kan hinmilkoofneef, rakkinicha cimsuufi akka hinfuramne taasisuuf hojjechaa akka jiran irra gahamuus beeksiseera.

Guutummaan ibsaa kanaa akka armaan gadiitti dhihaatera,

Abbootii Amantaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa gidduutti adda addummaan tibbana mudate karaa nagaan, hojimaata keessoon furamuu akka qabu mootummaan kan amanu ta’uun ibsichaan eerameera.

Mootummaan kanaan dura dhaabbileen biyyaalessaa tokkummaafi cimina isaanii eeguun akka itti fufaniif gahee irraa eegamu ba’achaa turuu eeruun, ammas tattaaffii taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Rakkooleen tokkummaa dhaabbilee qoran wayita keessaa ka’an mariifi hojiimata keessoon akka furaman deeggarsa taasisaa turuu yaadachiisuun, bu’aa qabatamaa fiduus kaafameera.

Garaagarummaan abbootii amantaa ortodoksii tawaahidoo Ityoophiyaa gidduutti mudate karaa nagaan mariifi akkaataa hojiimaata mana amantichaan akka hiikkamuuf qamoleen hundi itti gaafatamummaa irraa eegamu ba’achuu qabu jedhameera.

Jaarsoliin biyyaafi abbootiin amantaa qaamolee lameen walitti fiduun rakkichi tasgabbiin akka furamu taasisuu akka qaban ibsichaan ka’eera.

Amantoonnis rakkicha hammeessuurra ofqusachuun gahee ijaarsaa ba’achuu akka qaban yaadachiifameera.

Qaamoleen nageenyaa nageenya uummataafi dhaabbilee amantaa naannawaa isaanii kabachiisuun dirqama isaanii ta’uu yaadachiisuun, qaamolee walitti bu’iinsa hammeessan sirna qabachiisuu qabu jedhameera.

Miidiyaaleen wantoota rakkicha hammeessan dhiyeessuurraa ofqusachuu akka qabanis ibsameera.

Uummanni rakkichi akka furamuuf gahee irraa eegamu akka ba’atuuf mootummaan yaadachiiseera.

Gama biraan amantaafi saba daheeffachuun walitti bu’iinsa uumuuf kan yaadan, qaamoleen biyya diiguuf karaa garaagaraa yaalanii hin milkaa’iin hafan rakkichi akka hammaatuuf hojjechaa jiraachuu bira gahamuu eerameera.

Dhimma kana mootummaan obsaan kan hin ilaalle ta’uunis ibsameera.

Rakkicha hammeessuufi ummata gidduutti walitti bu’iinsa uumuuf darbees biyya qormnaata keessa galchuuf qaamolee socho’anirratti mootummaan hojii seera kabachiisuu kan hojjetu ta’uus beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015