Filannoo Murtee uummataarratti hirmaachuun mirga dimokiraasii keenya fayyadamuuf qophoofneerra.

98

Amajji, 28/2015 (TOI) Filannoo murtee uummtaa( Rifarandamii) boru gaggeeffamu irratti hirmaachuudhaan mirga dimokiraasii keenya fayyadamuuf qophoofneerra jedhan jiraattonni magaalaa Jinkaa.

Poolisiin godinichaas rifarandamichi karaa nagaan akka xumuramuuf qophii barbaachisu taasisuu beeksiseera.

Akkataa sagantaa yeroo Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaa baaseen, Amajji, 29/2015 naannoo saboota sabamootaafi uummatoota Kibbaa jahaa fi aanaalee addaa shan irratti rifarandamiin ni gaggeeffama.

Haaluma kanaan akka jiraattonni magaalaa Jiinkaa TOItti himanitti, Filannoo murtee uummataa( rifarandamii) kana irratti dammaqinaan hirmaachuun sagalee kennuudhaan mirga dimokiraasii isaanii fayyadamuuf qophaa'aniiru.

Ajajaan Poolisii Godina Oomoo Kibbaa Komaandar Sheegolee Shoodeen, Rafarandamichi nagaan akka xumuramuuf qophiin barbaachisaan taasifameera jedhan.

Adeemsa sagalee kennuu buufata filannoo 428 godinichaa keessatti geggeeffamutti nageenya kabachiisuuf humnoonni nageenyaa bobbaafamuus beeksisaniiru.

Rifarandamichi nagaan akka xumuramuuf hawaasni humnoota nageenyaa waliin tumsuu akka qabu Komaandar Sheegoleen dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015