Adeemsi rifarandamii Godina Walaaytaatti nagaan akka xumuramuuf qophiin barbaachisaan taasifamaa jira

96

Amajji, 28/2015(TOI) - Rifarandamiin guyyaa boruu Amajji 29/2015 gaggeeffamuuf qophiin barbaachisaan taasifamuu bulchaan Godinicha Obbo Akiliiluu Lammaa himan.

Bulchaan godinichaa obbo Akiliiluu Lammaa ibs har'a kennaniin; Adeemsi filannoo duraa murtee uummataa haala gaariin gaggeeffamaa akka ture himaniiru.

Filannoo murtee uummataa kanaa ilaalchisuun hojiin hawaasa beeksisuu bal’inaan hojjetamuu himaniiru.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa waliin ta’uun meeshaaleen filannoof barbaachisan wiirtuuwwan filannoo fi buufataalee hundatti akka dhiyaatan taasifamuu ibsaniiru.

Adeemsi filannoo murtee uummataa kun karaa nagaa fi tasgabbiin akka xumuramuuf qaamoleen nageenyaafi haqaa bobbafamuu eeraniiru.

Adeemsi filannoo Murtee uummataa karaa nagaa akka xumuramuuf kutaaleen hawaasaa hundi gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.

Namoonni filannoo murtee uummataa kmarratti hirmaachuuf kaardii filannoo fudhatan filannicharratti si'oominaan hirmaachuun kaardii isaanii fayyadaman akka filatan dhaamaniiru.

Godinaalee naannoo saboota sabalaootaafi uummatoota Kibbajala jiran jaha (Konsoo, Oomoo Kibbaa, Walaayittaa, Gaamoo, Geedi'oo, Goofaa)fi aanaaleen aaddaa shan(Burjii, Baaskeettoo, Alee, Amaarroo, Daraasheen) bor Rifirandamii naannoo haaraa ta'uu ykn naannoo duraanii ta'anii itti fufu ni geggeessu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015