Odeeffannoo raaga qilleensaa fayyadamuun miidhaa hamaa hongeen silaa geesisuu danda'u damdamachuun danda'ameera.

1534

Amajji, 27/2015(TOI) - Odeeffannoo raaga qilleensaa yeroo yeroon bahu duukaa bu'uun hojii hojjetameen miidhaa hamaa hongeen silaa geesisuu danda'u damdamachuun akka danda'ame Ministirri Bishaanii fi Inarjii Doktar Injinar Habtaamuu Itaafaa beeksisan

Bu'uura raaga haala qilleensaa amma jiruun roobni arfaasaa ji'oota sadan dhufan kan duubatti harkifatudha. Kanaaf qophii dursaa gahaa taasisuun barbaachisaa akka ta'e himaniiru.

Raaga haala qilleensaa waqtii bonaafi gannaa jirurratti magaalaa Adaamaatti mariyatamaa jira.

Mariin kun raaga haala qilleensaa yeroo bonaa gamagamuufi raagaa haala qilleensaa waqtii gannaa xiinxaluuf kan qophaa’e ta’uu himama.

Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa akka himanitti, Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa waggoota muraasa darban odeeffannoo raaga haala qilleensaa yeroo yeroo haala gaarii ta'ee dhiheessaa ture.

Odeeffannoo Instiitiyutichi kennaa tire bu'uura godhachuun sababa hanqina roobaan hongeen mudate miidhaa guddaa osoo hin geesisiin damdamachuun akka danda'ame himaniiru.

Hojii akeekkachiisa duraa irratti qindoominaan hojjetameen hojiin bu’a qabeessa ta’e argamuu himaniiru.

Hongeen naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti mudate beeylada irratti miidhaa geessisus, nama irratti miidhaa du'aa tokkollee akka hin geessisne ministirichi ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015