Leenjiin ogeeyyota guutuu Afriikaarraa dhufaniif kennamu cimee itti fufa- Daandii qilleensaa Itiyoophiyaa

81

Amajjii 27/2015 ( TOI) - Leenjiin ogeeyyota guutuu Afriikaarraa dhufaniif kennamu cimee itti fufu daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa beeksise.

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa jiddugaleessa leenjii aviyeeshinii Hawaasaatti ijaarsise ittigaafatamtoonni olaanoo, pirezidaantiin naannoo Sidaamaa fi kantiibaan magaalaa Hawaasaa bakka argamanitti eebbisiiseera.

Hojii raawwachiisaa olaanaan giruuppii daandii qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasoo akka ibsanitti fedhiin tajaajila daandii qilleensichaa bal’achaa dhufuusaatiin jiddugaleessa leenjii kun ijaaramuusaa ibsaniiru.

Jiddugaleessi aviyeeshinii daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa waggoota dheeraaf Finfinneedhaa qabutti aanee kan Hawaasaa kun akka biyyaatti 2ffaa ta’uu dubbataniiru.

Dhaabbanni leenjii kun baasii birrii miiliyoona 350 oliin kan ijaarame ta’uus ibsaniiru.

Jiddu galeessi leenjii kun kutaalee bultii fi barnootaa barattoota 320 keessummeessu, kaaffeewwanii fi meeshaalee ammayyaa jiddugaleessichaaf galtee ta’an kanneen biroo kan guutameef ta’uu ibsaniiru.

Pirezidaantiin naannoo Sidaamaa Dastaa Leedaamoo gamasaaniin, daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa alaabaa Itiyoophiyaa qabatee biyyattii addunyaatti beeksisaa kan jiri maqaa guddaa kan qabu ta’uu eeraniiru.

Jiddugaleessa leenjii aviyeeshinii kan lammaffaa Hawaasaatti ijaaruunsaa daandii qilleensichaafis ta’e magaalaa Hawaasaaf faayidaa dinagdee olaanaa akka argamsiisu ibsaniiru.

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa waggoota 77f biyya keessaa fi biyya alaatti geejjiba qilleensaa kennaa kan ture yoo ta’u, jiddugaleensa leenjii aviyeeshinii ammoo waggoota 65 darbaniif leenjii kennaa tureera.

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa A.L Awurooppaatti bara 2016 jiddugaleessa leenjii Finfinnee  doolaara miiliyoona 80 ol baasii taasisuun babal’isaa fi haaromsa taasisuunsaa niyaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015