Imalli nageenyaa boodatti hin deebine jijjiiramoota haaraa galmeessisaa itti fufa-Doktar Abrahaam Balaayi

98

Amajjii 27/2015 (TOI) “Imalli nageenyaa boodatti hin deebine, jijjiiramoota haaraa galmeessisaa itti fufa” jedhan ministirri ittisaa doktar Abrahaam Balaayi.

Miseensonni koree waliigalteen nageenyaa mootummaa federaalaa fi ABUT bakka ministirri muummee Abiyyi Ahimad argamanitti yeroo jalqabaaf kaleessa Halaalaa keellaatti walarganiiru.

Ministirri ittisaa doktar Abrahaam Balaayi torbee muraasa darban akkaataa bu’aalee qabatamaa galmaa’aniin, naannoo Tigraayitti nagaa, nageenyaa fi dhiheessii bu’uraa itti fufuun babal’isuuf yaaliin dabalataa taasifamaa akka jiru ergaa fuula marsariitiisaaniirratti barreessaniin ibsaniiru.

Guyyoota itti aanan tajaajila geejjiba qilleensaa bai’suuf balallii guyya guyyaa dabalataa dabaluu fi geejjiba lafaa tasgabbii fi nageenya amansiisaa waliin dhiheessuu, hojii fedhii ummataa guutu hojjechuuf marii fi murteewwan darbuusaanii dubbataniiru.

Akkasumas dhiheessii maallaqaa dameelee baankii Tigraayitti mul’ate fooyyessuuf tarkaanfiiwwan dabalataa fudhatamaniiru kan jedhan ministirichi, haala sochiiwwan idilee hatattamaan itti fufsiisuuf gargaaran uumuurratti argama jedhaniiru.

 “Imalli nageenyaa duubatti hin deebine, tarkaanfiiwwan jajjabeessoo haaraa galmeessuu itti fufa” jechuunis eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015