Qiddus Goorgisii fi Bunni Itiyoophiyaa Piriimar Liigichaan taphni yeroo 45ffaaf taasisan ni eegama

225

Amajjii 27/2015 (TOI) – Sagantaa walqixxeessituu Piriimer liigii Itiyoophiyaa beetkiingii torbee 12ffaa  taphni Qiddus goorgisii fi Bunni Itiyoophiyaa har’a taphatan ni eegama.

Sababa hirmaannaa garee biyyaalessaa Itiyoophiyaa Chaan fi dhimmoota walqabataniin addaan cite kan ture dorgommiin piriimer liigii guyyaa afurtama booda har’a nideebi’a.

Sagantaa walqixxeessituu torbee 12ffaa liigichaa guyyaa keessaa sa’aatii 9tti Istaadiyeemii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti  taphni Qiddus Goorgisii fi Bunni Itiyoophiyaa taasisan hawwiin eegama.

Taphni Gareen lamaan taasisan piriimar liigichaan al 45ffaaf walitti dhufani.

Qiddus Goorgis al 21 yoo mo’atu Bunni Itiyoophiyaa al 7 mo’ateera, al 16 ammoo walqixa bahaniiru.

Tapha liigii 44 darbeen gooliin 88 galaniiru, kana keessaa Qiddus Goorgis goolii 6o akkasumas Bunni Itiyoophiyaa goolii 28 galcheera.

Leenjisaa Zarihuun Shangataan kan leenji’u Qiddus Goorgis liigichaan tapha 12 taasisee al 7 mo’ateera,  al tokko mo’ameera, al 4 ammoo walqixa baheera.

Goolii 28 yoo galchu gooliin 7 itti galeera. Kafaltii goolii 21’n qabxii 25’n sadarkaa lammaffaa qabateera.

Qiddus Goorgis tapha liigichaa walitti aanaa shan taasiseen al sadii yoo mo’atu, al lama ammoo walqixa baheera.

Morkataansaa Bunni Itiyoophiyaa tapha 12 taasisee al shan yoo mo’atu al shan ammoo mo’ameera. Al lama ammoo walqixa baheera.

Goolii 16 galchee gooliin 14 itti galeera. Kafaltii goolii lama qabxii 17’n sadarkaa 8ffaarra jira.

Taphoota liigii shan walitti aananiin bunni Itiyoophiyaa taasiseen al lama yoo mo’atu al lama ammoo mo’ameera. Al tokko ammoo walqixa baheera.

Bunni Itiyoophiyaa sababa qabxii dhabuutiin jalqaba bara dorgomichaatti leenjisaa Tamasgeen Daanaa gaggeessuunsaa niyaadatama.

Yooseef Tasfaayeen garee Bunaa yeroof leenjisuurratti argama.

Istaadiyeemii Yuniversiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti kan taasifamu”darbiin Shaggar”deeggartoonni garee lamaanii taphicha akka hoo’isan ni eegama.

Tapha kana abbaan seeraa intarnaashinaalaa Hayilayyasuus Bazzazawu abbaa seeraa muummee ta’uun nitaphachiisu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015