Adeemsa raawwii ce'umsa haqaa fi gahee ogeeyyii Komishiniin Mirgoota Namoomaa Idil Addunyaa Itoophiyaa keessatti qaban ilaalchisee ambaasaaddaroota Awurooppaatiif ibsi kennameera

146

Amajji, 26/2015(TOI) - Hoggantoonni olaanoo Ministeera Haqaa fi Dhimma Alaa ambaasaaddaroota biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa teessoo isaanii Finfinnee taasifatanii jiraniif adeemsa raawwii ce'umsa haqaa fi gahee ogeeyyiin Mirgoota Namoomaa Idil-addunyaa Itoophiyaa keessatti qaban ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Qaamoleen lamaan Itoophiyaatti dhimma eegumsa mirga namoomaa fi itti gaafatamummaa irratti waliinnhojjechuuf haala dandeesisurrattis mari'ataniiru.

Ministirri Haqaa Doktar Gidi'oon Ximootewoos akka jedhanitti, Itoophiyaan waliigaltee nageenyaa Piritooriyaa fi Naayiroobitti irra ga’ame guutummaatti hojiirra oolchuu fi hojiirra oolchuufis kutannoo qabdi.

Haaluma kanaan biyyattiin haala hawaas-siyaasaa biyyattii yeroo ammaatiin miidhamtootaf haqa kennuudhaaf sanada qophaa’e irratti itti gaafatamummaa, dhugaa barbaaduun hojii hojjetamaa jiru ambaasaaddarootaaf ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015