Itoophiyaatti nagaa waaraa fiduuf carraaqqii taasifamaa jiru keessatti Waldaaleen siivikii gahee isaanii bahuu qabu

85

Amajji, 26/2015(TOI) - Itoophiyaatti nagaa waaraa fiduuff tattaaffii taasifamaa jiru keessatti Waldaaleen siivikii gahee isaanii bahuu qabu jedhan Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyoowu Tashaagar.

Mariin walta’iinsa Mana Maree Federeeshinii fi dhaabbilee Waldaalee Sivikii cimsuurratti kaayyeffate har’a magaalaa Finfinneetti gaggeeffameeraa.

Marii kanarratti Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyoowu Tashaagar haaromsa jaarmiyaalee waldaalee siivikii booda hojiiwwan jajjabeessaa hojjechuun danda'ameera jedhaniiru.

Dhaabbileen kunneen Itoophiyaatti nagaa waaraa fiduuf tattaaffii taasifamaa jiru gargaaruun misoomaa fi fayyadamummaa haqa qabeessa lammiilee mirkaneessuuf mana maricha waliin tumsaan hojjechuungahee isaanii akka bahatan gaafataniiru.

Akkasuma Itoophiyaatti ijaarsa nagaa fi dimokiraasii keessatti qooda fudhachuun ijaarsa Federaalizimii sab-daneessaa milkeessuuf itti gaafatamummaa isaanii bahachuu akka qaban dhaamaniiru.

Sirna Federaalizimii keessatti itti fayyadamni haqa qabeessa fi waliin gahinsaa bu’uuraalee misoomaa haqa qabeessa dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.

Daarektarri olaanaa abbaa taayitichaa obbo Jimaa Dilboo akka jedhanitti, waldaaleen siivikii kaayyoo misoomaa Itoophiyaa galmaan ga’uuf qooda fudhattoota adda duree keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.

Dameen kun kaayyoo bu’aa siyaasaas ta’e daldalaa argachuu kan hin qabne ta’us, rakkoo hawaasaa furuu irratti kan xiyyeeffatee fi namummaa irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru.

Itoophiyaan imaammata dogoggoraa kanaan dura hordofaa turteen faayidaa dhaabbilee waldaalee siivikii irraa argachuu qabdu akka dhabdee turte yaadachiisaniiru.

Manni Maree Federeeshinii fi dhaabbileen waldaalee siivikii waliigaltee tumsaan waliin hojjechuuf isaan dandeessisu akka mallatteessan marii kanarratti ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015