Barumsi mirgoota namoomaa sirna barnootaa keessa galfamuufi

108

Amajjii 26/2015 (TOI)  Ministeerri barnootaa fi komishiniin mirgoota namoomaa waliigaltee barumsa mirgoota namoomaa sirna barnootaa idilee fi alidilee keessatti galchuu fi cimsuuf dandeessisu walii mallatteessan.

Ministirri barnootaa piroofeesar Biraanii Naggaa fi komishinariin olaanaa komishinii mirgoota namoomaa doktar Daani’eel Baqqalaa walii mallatteessaniiru.

Waliigalteen kun mirgoota namoomaa hawaasa gama qabsiisuutiin qaqqabiinsa dabaluudhaan shoora olaanaa niqabaata jedhameera.

Ministirri barnootaa piroofeesar Biraanuu Naggaa nageenyi dhufuu kan danda’u mirgoonni namoomaa wayita kabajaman ta’uu eeranii, kanaafis hawaasa mirgaa fi dirqamasaa adda baasuu danda’u uumuun nibarbaachisa jedhaniiru.

Gama Kanaan waliigaltichi shoora olaanaa akka qabaatu ibsaniiru.

Barnoonnii fi leenjiin mirgoota namoomaa barumsa idileen duraa irraa kaasee amma barnoota olaanaatti kennuuf akka hojjetamu waliigalticharratti ibsameera.

Kanaaf akka gargaaru barumsa mirgoota namoomaa barnoota idileetiin barnoota naamusaa fi dhimmi lammummaa keessatti karaa hiika qabuun dabaluun akka kennamu nitaasifama.

Komishinariin olaanaa komishnii mirgoota namoomaa doktar Daani’eel Baqqalaa gamasaaniitiin, waliigaltichi Itiyoophiyaa keessatti mirgoota namoomaa gama babal’isuutiin ga’ee olaanaa qaba jedhaniiru.

“Mirgoota namaa dhiibuun biyya keenyaaf qormaata ta’ee tureera kan jedhan komishinarichi, kana dhaabsisuuf hojiin ministeera barnootaa waliin hojjennu murteessaadha jedhaniiru.

Komishiniin mirgoota namoomaa gargaarsa ogummaa kennuurraa eegalee deeggarsoota addaddaa akka taasifaman ibsamuusaa odeeffannoon ministeera barnootaarraa arganne ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015