Komishiniin Poolisii naannoo Kibbaa rifirandamichi karaa nagaa akka adeemsifamu qophii taasisuusaa beeksise

147

Amajjii 26 bara 2015(TOI) – Naannoo Kibbaatti rifiraandamiin godinaalee jahaa fi aanaalee addaa shanitti Wixata dhufu adeemsifamu nagaan akka xumuramu qophii barbaachisu taasisuusaa komishiniin poolisii naannichaa beeksise.

Komishinar Alamaayyoo Maammoo har’a TOIf akka ibsanitti, rifirandamichi godinaalee Koonsoo, Oomoo Kibbaa, Walaayittaa, Gaamoo, Geedi’oo fi Goofaa akkasumas aanaalee addaa Burjii, Baaskeettoo, Allee, Ammaarroo fi Daraasheetti Amajjii 29 bara 2015 ni adeemsifama.

Buufataalee filannoo kuma 3 fi752 rifirandamichi adeemsifamutti ummanni sagaleesaa karaa nagaa akka kennu poolisiin qophii ga’aa taasiseera jedhaniiru.

Ummanni miiliyoona 3 sagalee kennuuf galmaa’e guyyaa kana nagana sagalee kennee akka deebi’u humni nageenyaa buufataalee filannoo hundatti ramadamee hojiitti galuu dubbataniiru.

Itti fufuunis, “rifirandamii Sidaamaa fi ummattoota Itiyoophiyaa Kibba lixaarraa Kanaan dura adeemsifamanirraa muuxannoo ga’aa arganneera” jedhan komishinar Alamaayyoon.

Caasaan nageenyaa rifirandamiin wal qabatee hojii seera kabachiisuu beekumsarratti hundaa’e akka hojjetu boordii filannoo waliin ta’uun qajeelfamoota filannoo irratti leenjiin kennamuu dubbataniiru.

Kanaan walqabatee gochoota yakkaa dhimmoota filannoon walqabatanii raawwataman garee qorannoo fi odeeffannoo ofdanda’ee qulqulleessu boordii filannoo waliin ta’uun haala adda ta’een leenjii akka argatan taasifameera jedhaniiru.

Rifirandamichi nagana akka xumuramu qaamolee nageenyaa kanneen biroo waliin walitti hidhiinsi uumamuusaa eeranii, komishinichi humna addaa naannichaa, rayyaa ittisaa fi poolisii federaalaa waliin qindaa’ee hojjechaa akka jiru himaniiru.

Rifirandamichi nagana akka xumuramu hawaasni ga’eesaa akka bahu Kanaan dura bakka bu’oota hawaasaa addaddaa waliin mariin taasifamuusaa komishinar Alamaayyoon ibsaniiru.

Rifirandamichi nagana akka xumuramu milkaa’ina yaalii hundagaleessa poolisiin taasisu ummanni cinaasaa dhaabatee deeggarsa barbaachisu gochuun ga’eesaa akka bahu komishinar Alamaayyoon hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015