Naannoo Amaaraatti baatiiwwan bonaatti lafti heektaara kuma 232 ol midhaan addaddaan misoomaa jira

114

Amajjii 26/2015 (TOI)- Naannoo Amaaraatti baatii bonaatti jallisii qamadii dabalatee lafti heektaara kuma 232 ol midhaan addaddaan misoomuu biiroon qonnaa naannichaa beeksise.

Biiroo qonnaa naannichaatti daarektarri itti fayyadama bishaan jallisii kuduraa fi muduraa ob. Yibalxaal Wandimnawu TOIf akka ibsanitti, bishaan lafarraa fi lafa keessaa naannichatti argamutti fayyadamuun misoomni jallisii bonaa adeemsifamaa jira.

Baatii bonaa baranaa lafa heektaara kuma 257 fi 755 irratti jallisiidhaan midhaan addaddaa oomishuuf karoorfamee hojiitti galamuu eeranii, amma ammaatti lafti heektaara kuma 232 fi 742 misoomsuun danda’ameera.

Lafa marsaa jalqabaatti jallisiin misoome irraa heektaarri kuma 207 fi 195 jallisii bonaan misoomuusaa eeranii, kan hafe kuduraa, nyaata hiddaa,kuyisaa, midhaan dheedhii fi biqiltuu dhaabbataan misoomuu himaniiru.

Itti fufuunis misooma jallisii bonaaf sanyiin filatamaa kuntaalaa kuma 294 fi 208  fi xaa’oon kuntaala kuma 263 fi 949 qonnaan bulaaf raabsamee hojiirra ooleera jedhaniiru.

Misooma jallisii bonaa Kanaan qonnaan bultoonni kuma 900 ol hirmaachaa akka jiranis beeksisaniiru.

Daarektarichi akka ibsanitti, baatiilee bonaa baranaatiin jallisii marsaa tokkoffaa fi lammaffaan oomishni kuntaala miiniyoona 45 akka sassaabamu eegama.

Lafa heektaara lamarratti qamadii, garbuu biiraa fi hundee diimaa misoomsaa akka jiran kan ibsan ammoo bulchiinsa sablammii Awwiitti jiraataa aanaa Guwaagussaa Shikudaad kan ta’an Haabtaamuu Abarraati.

Garbuu Biiraa jallisiin misoomsuu erga jalqabanii waggaa 15 akka ta’e eeranii, oomishasaanii warshaa biqilaa Daashinitti gurguruun fayyadamaa ta’uusaanii dubbataniiru.

Wayitii bonaa baranaatti qonna kilaastariin qamadii fi garbuu biiraa oomishanirraa oomisha fooyya’aa oomishuun galii birrii kuma 150 argachuuf hojjetaa akka jiran eeraniiru.

“Karoora mootummaan qamadii biyya alaarraa galu hambisuuf baaseen  jajjabaachuun lafa heektaara tokkoo fi walakkaa qaburratti qamadii misoomsaan jira” kan jedhan ammoo qonnaan bulaa godina Goojjam Lixaa aanaa Meeccaa jiraatan Mollaa Yihuni.

Qamadiin jallisii bonaan misoomsan yeroo ammaadhaabbii gaariirra akka jiruu fi oomisha kuntaala 70 ol nanargadha jedhanii akka eegan dubbataniiru.

Waggaa darbe naannoo Amaaraatti lafa jallisiin misoome heektaara kuma 239 irraa oomishni kuntaalli miiliyoona 41 sassaabamuusaa odeeffannoon biiroo qonnaa naannichaarraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015