Manneen barnootaa 71 irra deebiin ijaaramuufi - ENA Afaan Oromoo
Manneen barnootaa 71 irra deebiin ijaaramuufi

Amajjii 25/2015(TOI) – Manneen barnootaa sababa waraanaatiin manca’an 71 deebisanii ijaaruuf qophiin xumuramee hojiitti galamuu ministeerri barnootaa ibse.
Haala Kanaan sagantaan ijaarsa manneen barnootaa 71 jalqabsiisuuf qophaa’e har’a adeemsifameera.
Ministirri barnootaa piroofeesar Biraanii Naggaa akka ibsanitti, ijaarsa manneen barnootaa kanneenii bara bajataa kanatti guutummaatti xumuruun bara barnootaa 2016f baruu fi barsiisuuf banaa nitaasifamu.
Ijaarsi manneen barnootaa 5 tirasti fandii diyaasporaan, manneen barnootaa 16 dhaabbata namoonni namootaan, manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa 50 gargaarsaa fi deeggarsa maallaqaa baankii addunyaan akka adeemsifamu ministirichi ibsaniiru.
Kana malees manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa moodalii ta’an 50 fi manneen barnootaa bultii addaa 13 naannolee fi bulchiinsota magaalaa hundatti ijaaruuf hojiin haalduree xumuramaa akka jiran ibsameera.
Kutaalee barnootaa sadarkaasaanii eeggatanii fi barumsaaf mijaa’aa ta’an ijaaruun tarkaanfiiwwan qulqullina barnootaa eegsisuuf fudhataman keessaa tokko ta’uu ministirichi ibsaniiru.
Kontiraaktaroonni ijaarsaaf itti gaafatama fudhatan faayidaa pirojektichi biyyaaf qabu hubachuun ciminaa fi abbummaan akka hojjetan hubachiisaniiru.
Manneen barnootaa bakka dhaloonni itti qaroomuu fi biyyi itti ijaaramu ta’uu hubachuun yeroo qabameefitti xumuramuu qabu jechuun xiyyeeffannoo kennaniiruuf.
Ministeerichatti hojii raawwachiisaan dursaa fooyyessaqulqullina sagantaa barnootaa Ob. Yoonaas Wagaassoo gamasaaniitiin, keessumaa waraana kutaa biyyattii kaabaatti adeemsifameen manneen barnootaa guutummaatti manca’an fooyyeessuun ijaaruun qaama fooyyessa qulqullina barnootaa taasifamuun akka fudhatamu dubbataniiru.
Ijaarsa maneen barnootaa kanaaf hawaasa, dhaabbilee misoomaa gargaartotaa, lammiilee fi dhalootaan Itiyoophiyaa biyya alaa jiraatan akkasumas mootummaarraa qabeenyi sassaabama jedhaniiru.
Pirojektoota kanneen raawwachiisuuf amma ammaatti waliigala qabeenyi birrii biiliyoona 2 tuqaa 8 sassaabamuusaa ibsaniiru.
Kanaaf har’aa eegalee kontiraaktaroonni hojii akka jalqaban hubachiisuun karaa ministeera barnootaa gargaarsi barbaachisu akka taasifamuuf eeraniiru.