Baankiin Daldalaa Itoophiyaa walakkaa waggaa jalqabaatti sharafa biyya alaa doolaara biliyoona 1.7 argateera.

18

Amajji, 25/2015(TOI) - Baankiin Daldala Itoophiyaa walakkaa waggaa jalqabaa bara bajataa kanatti sharafa biyya alaa doolaara biliyoona 1.7 argachuu Pirezidaanitiin Baankiichaa obbo Abbee Saanoo himan.

Kunis bara darbe yeroo walfakkaataa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu dhibbeentaa 37'n dabaleera jedhameera.

Baankichi walakkaa waggaa jalqabaa bara bajataa kanatti bu’aa Birrii biiliyoona 13 kan argate yoo ta’u, kunis karoora %100 ol ta’uu ibsaniiru.Kunis kan bara darberraa dhibbeentaa 15'n dabaleera jedhan.

Ji'oota 6 keessatti maamiltoonni haaraa miiliyoona 2.2 herrega baankii banachuu eeranii,waliigalaan lakkoofsi maamiltoota baankichaa miliyoona 38.1 gahuu himaniiru.

Walakkaa waggaa kana keessatti dameewwan 55 kan banamee yoo ta'u lakkoofsi baay'inni damee baankichaa 1879 gahuu himaniiru.

Pireezidaantichi qabeenyi waliigalaa baankichaa birrii tiriliyoona 1.123 gahuu ibsaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015