Bittaa fi gurgurtaa oomisha qamadii ammayyaa jalqabsiisuuf qophiin xumurameera

171

Amajjii 24/2015 (TOI) - Bittaa fi gurgurtaa oomisha qamadii ammayyaa jalqabsiisuuf qophiin xumuramuu gabaan oomishaa Itiyoophiyaa beeksise.

Waliigalteen oomishaa oomishni qamadii gabaa oomishaa Itiyoophiyaa sirna bittaa fi gurgurtaa ammayyaan akka raawwatamuuf qophaa’e ministeera daldalaa fi walitti dhufeenya naannoon ragga’ee hojiirra akka oolu murtaa’uusaa gabaan oomishaa beeksiseera.

Itiyoophiyaan waggoota sadan darban oomishaa fi oomishummaa qonnaa guddisuun nyaataan ofdanda’uuf gosti midhaanii xiyyeeffannaa olaanaa kenniteef keessaa qamadiin isa tokkodha.

Waggoota 15 dura gabaan oomishaa Itiyoophiyaa bittaa fi gurgurtaa oomishaa kan jalqabe Boqqoolloo fi Qamadiin ta’us, oomishtummaan qamadii ga’aan waan hinjiraanneef umurii dheerachuu  akka hin qabaanne dubbataniiru.

Wayita ammaa hojiin mootummaan gannaa fi bona qamadiirratti hojjetu oomishaa fi oomishtummaa qamadii guddisaa waan dhufee fi bakki qaqqabiinsa gabaa oomishaa bal’achaa kan deemu waan ta’eef sirna bittaa fi gurgurtaa ammaayyaan gaggeessuun barbaachiseera.

Hojii gaggeessaan korporeet komunikeeshinii gabaa oomishaa Itiyoophiyaa Natsaannat Tasfaayee, oomisha qamadii sirna gabaa ammayyaatti fiduuf waliigaltee gabaa oomishaa qopheessuun karaa ministeera daldalaa fi walitti dhufeenya naannoo Amajjii 19 bara 2015 raggaasuusaa dubbataniiru.

Haala Kanaan gabaan oomishaa oomisha qamadii gara sirna bittaa fi gurgurtaatti fiduun bittaa fi gurgurtaa jalqabuuf qophii barbaachisu taasisuusaa ibsaniiru.

Akkasumas Gibxoo, Kororimaa , Baaqilaa fi oomishoota ruuzii sirna bittaa fi gurgurtaatti galchuu akka danda’ame ibsaniiru.

Kanarraa ka’uun iddoowwan qamadiin itti oomishamurraa samuuda fudhachuun qorannoon barbaachisu taasifamuusaa dubbataniiru.

Fuulduras gabaan oomishaa oomishoota qonnaa kanneen biroo sirna gabaa ammayyaatti fiduuf akka hojjetu ibsaniiru.

Oomishni qamadii gara sirna gabaa ammayyaatti akka dhufu taasifamuunsaa sirnooonni bittaa fi gurgurtaa Itiyoophiyaa keessatti adeemsifaman ammayyeessuu fi qonnaan bultoonni gatii oomishasaanii madaalu akka argatan nigargaara jedhaniiru.

Gabbaan oomishaa kun qonnaan bultootaa fi dhiheessitootarraa oomisha fudhachuuf qophii ta’uusaa hojii gaggeessaan kun ibsanii, kunis karaa dameelee gabaa oomishaa Itiyoophiyaa 25 naannolee addaddaatti argamanii kan raawwatu ta’uu eeraniiru.

Yeroo ammaa baay’inni oomishoonni karaa gabaa oomishaa bittaa fi gurgurtaan raawwataman 22 akka ta’e  odeeffannoon dhaabbaticharraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015