Qabeenyi waliigalaa dhaabbilee faayinaansii birrii tiriiliyoonii 2 tuqaa 91 qaqqabuusaa baankiin biyyaalessaa beeksise - ENA Afaan Oromoo
Qabeenyi waliigalaa dhaabbilee faayinaansii birrii tiriiliyoonii 2 tuqaa 91 qaqqabuusaa baankiin biyyaalessaa beeksise

Amajjii 24/2015 (TOI) - Qabeenyi waliigalaa dhaabbilee faayinaansii birrii tiriiliyoonii 2 tuqaa 91 qaqqabuusaa baankiin biyyaalessaa beeksise.
Bulchaan baankii biyyaalessaa haaraa kan ta’an Maammoo Miratuu hooggantoota damee faayinaansii waliin mari’achaa jiru.
Dameen faayinaansii to’annoo bira darbee gama misoomaatiin tarsiimoo hunda hammataa ta’e hordofuuf hubannoo haaraa barbaada jedhan bulchaan olaanaa haaraa baankii biyyaalessaa.

Bulchaan itti aanaa baankichaa Salamoon Dastaa haala waliigalaa dameen faayinaansii itti jiru wayita ibsan, haala waliigalaa qabeenyaa, baay’ina, maallaqa kuusaa fi dhimmoota fuulduraaf xiyyeeffannoo barbaadan tokko tokkoon himaniiru.
Ibsa Kanaan qabeenyi waliigalaa dhaabbilee faayinaansii birrii tiriiliyoonii 2 tuqaa 91 akka qaqqabe ibsaniiru.
Kana keessaa qoonni Baankotaa birrii tiriiliyoonii 2 tuqaa 8 akka ta’e dabalanii ibsaniiru.
Wayita ammaa lakkoofsi baankotaa 31 kan qaqqabe yoo ta’u kaampaaniiwwan inshuraansii ammoo18 ta’uusaanii ibsaniiru.

Haala wal fakkaatuun dhaabbileen faayinaansii eyyama hin fudhatiin 71tti kan hiiqan akka jiranii fi 8 baankota haaraa ta’uu eeraniiru.
Baay’inni damee dhaabbilee faayinaansii kuma 12 ol kan qaqqabe yemmuu ta’u, kuma 10 fi 200 ol dameelee baankiiti.
Haalli dameen faayinaansii itti jiru fayyaalessa ta’uu bulchaan itti aanaa kun eeraniiru.
Mariin kun baankichi dhimmoota fuulduraaf walta’iinsaan hojjechuu danda’u agarsiisuuf kan gargaarudha jedhameera.