Milkaa'ina damee qonnaatiin argame damee industirii fi maanufaakchariingiittis gameessuuf tattaaffiin taasifamaa jira

111

Amajji, 23/2015(TOI) - Milkaa’ina hojii damee qonnaatiin argame damee industirii fi manufaakchariingiitis milkeessuuf tattaaffii cimaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa ibseera.

Waltajjiin sosoochii "Itoophiyaan haa oomishituu" Magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera.

Hogganaan Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa obbo Ahmaad Indiriis akka jedhanitti, kaayyoon waltajjii sosochii kanaa milkaa’ina hojii damee hojii qonnaan argame damee hojii industirii fi maanufaakchariingiirrattis irra deebiin akka galmaa'uf hojjechuudha.

Hojii Oomisha qonnaa jallisii irratti hojjetameen oomisha alaa galan oomisha biyya keessaan bakka buusuun akkasumama gabaa alaatti erguun gara alaatti erguun danda'amuu himaniiru qaba.

Invastaroonni fi dhaabbileen invastimantii naannichaa sosochii Itoophiyaan haa oomishituu deeggaruun kaayyoon isaa akka milkaa'u gochuu qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015