Pirezidaantii fi Itti aanaa Pirezidaantiin mana murtii waliigalaa federaalaa kenniinsa haqaa ilaalchisuun abbootii murtii waliin mari’atan

184

Amajjii 23/2015(TOI) – Pirezidaantiin mana murtii waliigalaa federaalaa Ob. Tewoodiroos Mihirat fi itti aantuu pirezidaantii adde Ababaa Imbaalee rakkoolee sirna murtee irratti mul’atanii fi kallattii furmaataa irratti abbootii murtii waliin mari’atan.

Kenniinsa tajaajila manneen murtii ilaalchisuun qorannoon kanarratti dhihaatee mariin kan taasifame yoo ta’u, abbootiin murtii manneen murtii federaalaa sadanirraa baba’an 150 hirmaachuunsaanii ibsameera.

Mariin kun rakkoolee kenniinsa tajaajilaa murtiirratti mul’ataniif furmaata barbaaduurratti kan xiyyeeffate ta’uuis eerameera.

Barbaachisummaa abbootiin murtii fi gaggeessitoonni tokko ta’uun waliin hojjechuu, komiiwwan ummatarraa ka’an haalli hatattamaan deebii itti argatanii fi karaa fedhii abbootii murtii jiddugaleessa godhateen leenjiiwwan dandeettii cimsu haalli itti kennamu mijeessuuf akka gargaaru beekameera.

Kana malees naamusni abbootii murtii akkasumas dhiheessiin galtee hojii murteef gargaaran ilaalchisuun ajandaalee mariin irratti taasifame ta’uun eerameera.

Mariin abbootii murtee waliin taasifame hojiiwwan fuulduraaf hojjetamaniif galtee ta’uun akka tajaajilu eerameera.

Fuulduras hojjettoota bulchiinsaa fi qooda fudhattoota kanneen biroo waliin mariin wal fakkaatu akka adeemsifamu odeeffannoon mana murtii waliigalaa federal;aaarraa argame numul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015