Biyyoonni dorgommii Chaan irratti xumuraaf darban har’a adda bahu

230

Amajjii 23/2015(TOI) Shaampiyoonaa biyyoota Afriikaa torbaffaan(Chaan) biyyi keessummeessituu Aljeeriyaan niijar, Maadakaasikaar Senegaal waliin har’a tapha xumura walakkeessaa nitaasisu.

Dorgommiin Chaan guyyaa 19ffaa kan lakkoofsise yoo ta’u, boqonnaa murteessaarra ga’eera.

Taphni xumuraa biyyoonni gara xumuraatti cehan itti adda bahan har’a nitaphatamu.

Galgala keessaa sa’aatii 1tti Aljeeriyaan Niijer waliin Istaadiyeemii Miiluud Hadeefiitti nitaphatu.

Aljeeriyaan Kotidivaar, Niijer Gaanaa mo’achuuni xumura wa;akkeessaaf kan darban.

Maadagaasikaar Senegaal waliin halkan sa’aatii 4tti Istaadiyeemii Nalsan Maandeellaatti nitaphatu.

Xumura nuusaatiin Maadagaasikaar Moozaambiik, Senegaal Mooriitaaniyaa mo’achuun tapha kanaaf gahaniiru.

Biyyoonni tapha xumuraa walakkaa Kanaan mo’atan Sanbata dhufu Amajjii 27 bara 2014 Istaadiyeemii Nelsan Maandeellaatti tapha xumuraa nitaphatu.

Dorgommiin Chaan taphattoonni liigii biyya keessaa qofti kan irratti hirmaatanidha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015