Obbo Aganyahu Tashaagar Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Raashiyaa waliin mari’atan

107

Amajjii 22/2015 (TOI)- Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aganyahu Tashaagar Itoophiyaatti Ambaasaaddara Raashiyaa Iviigaanii Tarkiihiin waliin waajjiira isaaniitti mari’ataniiru.

Marii isaaniin Obbo Aganyahu, gaaffiileen kamuu akkaataa seeraan akka furamu Itoophiyaan ejjennoo cimaa qabaachuu ibsaniiru. Itoophiyaan bu’uuraa nageenyaa waaraa cimaa, sagaleen meeshaalee waraanaa keessatti hindhaga’amne akka hordoftuuf hojiilee bal’aa hojjechaa jiraachuu ibsanii, walitti bu’iinsi kutaa kaabaa karaa nagaan furamuun argisiistuu kanaati jedhaniiru.

Ambaasaddarri Raashiyaa gama isaaniin, walitti bu’iinsi kutaa Kaabaatti mudatee ture karaa nagaan furamuutti baga gammaddan jedhanii Raashiyaan akkuma kaleessaa Ityoophiyaa waliin hariiroon qabdu cimee akka itti fufu fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Manni Maree Federeeshinii fi Mana Maree Raashiyaa gidduu walta’iinsa gaarii jiru sadarkaa caalutti ceesisuun akka barbaachisu eeruu ragan Mana Maree Federeshiniirraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015