Waltajjiin marii obbolummaa sab-daneessummaa fi haala yeroorratti xiyyeeffate Magaalaa Shaggarii fi Asoosaatti gaggeeffamaa jira

114

Amajjii 20/2015 (TOI) – Waltajjiin marii Obbolummaa sab-daneessummaa fi haala yeroorratti xiyyeeffate jiraattota bulchiinsa Magaalaa Shaggarii fi Asoosaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjii Magaalaa Shaggaritti gaggeeffamaa jirurratti Kantibaa Bulchiinsa magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa, Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti waamamaan mootumma Obbo Tasfaayee Baljigee fi Ministir Deetaan Ministeera Raayyaa Ittisaa Maartaa Luwiijii dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon biroo argamaniiru.

Waltajjichi haala waqtaawaa fi jijjiirama biyyaarratti kan xiyyeeffatu ta’uu eerameera.

Jijjiiramaan dura rakkoolee biyyattii keessa turanii fi qormaatilee jijjiiramaan booda mudatan, akkasumas hojilee jijjiiramaan asitti biyyattii keessatti hojjetamaa jiran ilaalchisee marii bal’aan gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Rakkoolee mudatan ummataa waliin furuun jijjirama biyyaaleessaa itti fufsisuu fi badhaadhina biyyaaa milkeessuuf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu Dooktar Tashoomaan ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun magaalaa Asoosattis bakka Pireezidaantiin naannoo Beenishaanguul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan, Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dooktar Inijinar Haabtaamuu Ittafaa fi hoggantoonni biroo argamanitti waltajjiin marii Obbolummaa sab-daneessummaa fi haala yeroorratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira.

Mootummaan naannichaa hanga humni isaa danda’e misoomaa fi bulchiinsa gaarirratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Obbo Ashaadilii Hasan ibsaniiru.

Bu’aan sadarkaa biyyaalessaatti argame tokkummaa Ityoophiyaa cimsuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Inijinar Haabtaamuu Ittafaan himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015