Gamoo Waajjira Kutaa magaalaa Lammii Kuraa Ibiddaan dhiheenya gubate haala fooyya'aan ijaaruuf xiyyeeffannoo olaanaa fi xiiqiin hojjetamaa jiraachuu ibsame

98

Amajjii 20/2015 (TOI) - Gamoo Waajjira Kutaa magaalaa Lammii Kuraa Ibiddaan gubate haala fooyya'aan ijaaruuf xiyyeeffannoo olaanaa fi xiiqiin hojjetamaa jiraachuu Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen himan.

Aadde Adaanach ijaarsa manneen guyyoota 90 keessatti xumuramuuf karoorfaman kan Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti gaggeeffamaa jiru daawwataniiru.

Ijaarsi manneeni kun saffisaafi qulqullina ajaa'ibsiisan raawwatamaa jiraachuu Aadde Adaanach eeraniiru.

Lammiilee harka qalleeyyiif kan oolu Gamoon Abbaa darbii 5 manneen 240 of keessatti qabate 6 haala saffisaafi qulqulluna gaariin ijaarramaa jiraachuu himaniiru.

Ijaarsi iddoolee magariisummaa, Maaddii Guutuu, Warshaa Daabboo fi Nyaata biroos xumurarra jiraachuu kaasaniiru.

Gamoo Waajjira Kutaa magaalichaa kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuun hojmaata badaa fi hanna ittisuuf teeknooloojii ammayyaan fayyadamuun tajaajilaaf qophii ta'ee ture Ibiddaan gubatus xiyyeeffannoo olaanaa fi xiiqiin haala fooyya 'aan deebisanii ijaaruuf hirmaannaan taasiifamaa jiraachuu himaniiru.

Dookumantiin mootummaas ta'ee hawaasaa tokkooyyuu balichaan miidhame kan hin jirre ta'uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015