Sadarkaa biyyaatti waltajjiiwwan marii ummataa dhimmoota haala yeroo irratti xiyyeeffatan bakka adda addaatti gaggeeffamaa jiru.

Amajji 20/2015(TOI) - Mata duree "Tokkummaa sabdaneesummaa obbolummaa keenyaa imaala milkaa'ina badhaadhina keenyaaf " jedhuun sadarkaa biyyaatti waltajjiiwwan marii ummataa dhimmoota haala yeroo irratti xiyyeeffatan bakka adda addaatti gaggeeffamaa jiru.

Mariin kun Adaamaa, Hawaasaa, Gaambeellaa, Jigjigaa, Asoosaa, Dirree Dawaa, Harar, Bishooftuu, Jimmaa fi Shaashamanneetti gegeeffamaa jira.

Dargaggoonni, dubartoonni, maanguddoonni, abbootiin amantaa fi kutaaleen hawaasaa biroon waltajjiiwwan marii kana irratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015