Sadarkaa biyyaatti hojii misooma sululaan lafti heektaarri miliyoona 2.5 misoomsuuf hojjetamaa jira.

97

Amajji, 18/2015(TOI) - Sadarkaa biyyaatti hojii misooma sululaan lafti heektaarri miliyoona 2.5 misoomsuuf qophiin barbaachisu xumuramee gara hojiitti galamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Qorannoowwan akka ibsanitti, Itoophiyaan sababa dhiqannaa biyyeetiin waggaa waggaan biyyee hanga toonii biiliyoona 2 dhabaa turte.

Rakkoo kanaaf sababni eerame immoo waggaa waggaan biyyatiitti bosonni lafa heektaara kuma 150 ol uwwisu mancaa'uu isaati.

Rakkoo kana furuuf hojiin misoomaa sulululaa waggaa waggaan hojjetamu bara kanas sadarkaa biyyattii hojjetamuu eegaleera.

Hojii misooma sululaa kana ilaalchisuun TOI Ministeera Qonnaatti qaama dhimmi ilaallatu gaafateera.

Hogganaan Deeskii Misooma sululaa Ministeerichaa Yooseef Asaffaa akka himanitti; Itoophiyaatti yeroo adda addaatti hojiiwwan misooma sululaa hojjetamaa jiran kallattii hedduun bu'aa guddaa buusaa jiru jedhaniiru.

Fakkeenyaaf, oomishaafi omishtummaa guddisuu bira darbee, dhiqama biyyee ittisuun qabeenya bishaanii sirnaan eeguun akka danda’amu taasiseera jedhan.

Lammiileef carraa hojii uumuun madda galii akka argatan haala mijataa uumaa jiras jedhaniiru

Sadarkaa biyyaattis baatii Amajjii kanarraa jalqabuun naannoo Amaaraa, Oromiyaafi naannoo Kibbaa fi Kibbaa Lixaa Ummatoota Itoophoyaatti sosochiin hojii misooma sululaa eegalamuu himaniiru

Ministeerri Qonnaa hojii misooma sululaa akka biyyaatti eegalame kanaan lafa heektaara miiliyoona 2.5 misoomsuuf qophii adda addaa taasisuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015