Ministirri Maallaqaa raawwii pirojektii deebisanii dhaabuurratti ministeerota adda addaa waliin mari’atan

Amajji, 17/2015(TOI) - Ministirri Maallaqaa obbo Ahimad Shideen raawwii hojii pirojektii naannoowaan walitti bu'insaan miidhaman deebisanii dhaabuu irratti ministiroota kallattiin dhimmi ilaallatuufi deetaa ministirootaa waliin mariyachuun himame.

Marii kana irrattis qorannoon hamma miidhaa naannoo walitti bu’iinsi uumameetti ga’e Sekretaraatii Deebisanii dhaabuufi qaamolee qooda fudhatootaan qoratame dhihaachuun himameera.

Hojiirra oolmaa piroojaktii deebisanii dhaabuu waggoota shanan dhufan keessatti hojjetamuus bal’inaan dhiyaatee irratti mari’atamuus eerameera.

Obbo Ahmad Shidee raawwiin bal’aan pirojektii deebisanii dhaabuu yeroo dhiyootti ummataafi qooda fudhattootaaf kan ifoomsu ta’uu ibsaniiru.

Ministeeronni pirojeektii deebisanii dhaabuu keessatti qooda guddaa qaban kanneen akka barnootaa, fayyaa, qonnaa, bishaanii fi inarjii, dhimma dubartootaa fi hawaasummaa, akkasuma biroon kanneen pirojektii deebisanii dhaabuu kana keessatti qooda guddaa qaban,hojiin guddaan raawwii pirojektii kanaarraatti waan isaan eeggatuuf dandeetti dandeetti pirojekticha raawwachiisuu cimsachuu qabu jedhaniiru.

Ministiroonni barnootaa, fayyaa, qonnaa, bishaanii fi inarjii, dhimma dubartootaafi dhimma hawaasummaa akkasuma ministiroonni biroon marii kana irratti hirmaatan yaada isaanii akka galteetti piroojektii deebisanii dhaabuu kana keessatti akka hammatamuu dhiyeessaniiru.

Ministeerri Maallaqaa dhimma dubartootaa fi daa’immaniif xiyyeeffannoo akka kennan gaafachuu isaa fuula marsariitii hawaasummaa isaa irratti beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015