Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa gara Koppanhaganitti irra deebiin balalii jalqabuuf

158

Amajji, 17/2015(TOI) - Daandiin qilleensaa Itoophiyaa gara Deenmaarki magaalaa Koppanhaganitti caamsaa 14/2015 irraa jalqabee irra deebiin balalii jalqabuuf akka jiru beeksise.

Daandiin Qilleensichaa torbanitti guyyaa 5 gara magaalichaatti balalii kan taasisu ta'uu odeeffannoo karaa miidiyaa hawaasumma isaa qoodeen beeksiseera.

Daandichi balalii kana jalqabuu isaan qaqqabamummaa Awurooppaa Kabaafi Lixa Iskaandiviyaatti qabu kan dabalu ta'uu Hoji geggeessaan olaanaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa obbo Masfin Xaasoo beeksisaniiru.

Balaliin kun walitti dhufeenya Awurooppaafi Afrikaan karaa daandii qilleensaa qaban cimsuun ardiiwwan lamaan qindoomina garama dippilomaasii, Daldalaafi Turizimiin qaban kan ariifachiisudha jedhaniiru.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa akka lakkoofsa Awurroppatti bara 1999 gara Koppanhaganitti balalii kan jalqabe yoo ta'u waggoota afur erga hojjetee booda balalii garasitti taasisu adda kutee akka ture odeeffannoo kanaan eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015