Mariin hooggantoonni olaanoo Naannoo Oromiyaa hawaasa Godinoota Wallaggaa waliin taasisan bu'a qabeessa ture.

105

Amajji, 16/2015(TOI) - Hooggansiifi ummanni waliin mariyachuun rakkoolee mudataniif fala kaa'uu keessatti shoora olaanaa qaba.

Marii jilli Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan durfamu jiraattota Godinoota Wallaggaa waliin taasise ilaalchisee Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Jilli kun kutaalee hawaasaa aanotaafi magaalota Godinoota Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaafi Qeellem Wallaggaa irraa walitti dhufan waliin dhimmoota nageenyaa, bu'uuraalee misoomaa, carraa hojii dargaggootaa, qaala'insa jireenyaa, gochoota finxaaleyyiifi kan biroo irratti marii taasiseera.

Kutaaleen hawaasaa waltajjiiwwan marichaa irratti hirmaatan mootummaan dhimma nageenyaa sirreessuu, bu'uuraaleen misoomaa eegalaman akka xumuraman, dargaggootaaf carraa hojii uumuu, dhimma qaala'insa jireenyaafi gochoota finxaaleyyii irratti xiyyeeffannoo kennee akka hojjetu gaafatniiru.

Dhimma nageenyaan walqabatee mootummaan nageenya uummataa kabachiisuuf yeroo kamiyyuu xiyyeeffannoon hojjechaa akka jiru kan ibsan obbo Hayiluun qaama karaa nagaa socho'uu barbaadu kamiifuu karri mootummaa banaa ta'uufi mootummaan simachuuf yeroo kamiyyuu qophii dha jedhan.

Haata'u malee, mootummaan nageenya hawaasaa eegsisuuf qaama nagaa hin feene irratti olaantummaa seeraa kabachiisuuf dirqama isaa akka bahu ibsuun uummanni qaamonni karaa seeraan alaa fedhii isaanii uummata irratti fe'uuf socho'an gara nagaatti akka dhufaniif dhiibbaa gochuu akka qabu hubachiisaniiru.

Bu'uuralee misoomaafi carraa hojii uumuun walqabatee mootummaan Godinoota Lixa Oromiyaa keessatti baajeta guddaa ramaduun pirojektoota gaaffii hawaasaa yeroo dheeraa deebisan, dargaggootaafi dubartootaaf carraa hojii uumuu danda'aniifi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan kan eegalchiise ta'us pirojektoonni kunneen sababa rakkoo nageenyaa muudateen haala barbaadameen deemuu hin dandeenye jedhan.

Mootummaan qaala'insa jireenyaa hir'isuuf hojiiwwan gara garaa hojjecha jira kan jedhan obbo Hayiluun gochoota finxaaleyyii ittisuun nageenya uummataa mirkaneessuuf yeroo kamiyyuu caalaa kutannoo guddaan kan hojjetu yoo ta'u uummannis qaamota nageenya booressuun miidhaa geessisan dhabamsiisuu irratti gahee isaa bahuu qabaa jedhaniiru.

- Maddi Odeeffaannoo kanaa Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015